Qaaccessa Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 7 Ffaa Fi 8 Ii Ffaa Keessatti Afoolaan Gargaaramuun Dandeettiiwwan Afaanii Barsiisuu

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa (Phd)
dc.contributor.authorAsaffaa, Adaanech
dc.date.accessioned2020-08-18T08:32:57Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:50Z
dc.date.available2020-08-18T08:32:57Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:50Z
dc.date.issued2020-06
dc.description.abstractMata dureen qorannoo kanaa, “QaaccessaKitaaba BarnootaAfaan OromooKutaa Torbaffafi SaddeettaffaaKeessatti AfoolaanGargaaramuun Dandeettiiwwan Afaanii Barsiisuu”, irratti xiyyeffate. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa,kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti afoolaan gargaaramuun dandeettiiwwan afaanii barsiisuu qaaccessuudha.Malli qorannoon kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaatiin yoo ta’u,malli kunis ragaalee sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii gareen qorachuuf filatamaa waan ta’eefi.malli iddattoo qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti carraa jalaa mala akkayyootti dhimma bahameera.Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan qaaccessuuf kitaabilee irraa qabxiilee ijoon sakatta’amaniiru.Adeemsi ragaan ittiin funaanname:sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii garee barsiisotaafi barattoota mana barumsa Dagam Sadarkaa tokkoffaa irraa funannameera.Ragaalen qorannichaa yaaxinoota:tajaajilaa,haalowaafi caaseffamaa keessa yaaxina tajaajilaa gargaaramuun qaaccessamaniiru.Kunis ragaalee:sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii gareen argaman akkaataa wal fakkeenyan walittii fiduuniifi qindeessuun ibsuun, kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti:afoolawwan argaman, afoolawwan dandeettiiwwaan afaanii barsiisuuf dhiyaatan,afoolawwan kunnin irra caalattii dandeettiiwwan afaanii kam barsiisuuf akka dhiyaatan, afoolawwan dhiyaatan sadarkaa, dandeettiifi aadaa barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuu isaaniifi kkf adda bahaniiru.Dhuma irratti argannoon qorannichaas:afoolawwan kitaabni barnoota afaan Oromoo kutaa torbaffaa dandeettiwwan afaanii barsiisuf gargaarame:sheekkoo jechaama, mammaksa ,tapha ijoollee, weedduufi qoosaa yoo ta’an,kan kutaa saddeettaffaa immoo: sheekkoo ,jechama, mammaaksa, Hiibboo, weedduu, ciigoo, geerarsa, baacoofi jeekarsa ateeteeti. Afoolawwan oromoo keessaa gara caalatti kitaabileen kun dandeettiiwwan afaanii barsiisuf kan fayyadaman kutaa torbaffaa:oduu duriifi mammaaksa yoo ta’u, kutaa saddeettaffaan immoo:hiibboofi jechama.Kitaabilee lamaanuu keessatti afoolawwan dhiyaatan irra caalaatti dandeettii dubbisuu barsiisuuf kan dhiyaataniifi gama sadarkaafi dandeettii barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuun dhiyaachuu irratti hanqina kan qaban ta’uu isaa argannoon qorannoo kanaa ni mul’isa.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/22083
dc.language.isoen_USen_US
dc.publisherAAUen_US
dc.subjectkitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti afoolaan gargaaramuun dandeettiiwwan afaanii barsiisuu qaaccessuudhaen_US
dc.titleQaaccessa Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 7 Ffaa Fi 8 Ii Ffaa Keessatti Afoolaan Gargaaramuun Dandeettiiwwan Afaanii Barsiisuuen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Adaanech Asaffaa.pdf
Size:
1.45 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: