Qaaccessa Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 7 Ffaa Fi 8 Ii Ffaa Keessatti Afoolaan Gargaaramuun Dandeettiiwwan Afaanii Barsiisuu
No Thumbnail Available
Date
2020-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
AAU
Abstract
Mata dureen qorannoo kanaa, “QaaccessaKitaaba BarnootaAfaan OromooKutaa
Torbaffafi SaddeettaffaaKeessatti AfoolaanGargaaramuun Dandeettiiwwan Afaanii
Barsiisuu”, irratti xiyyeffate. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa,kitaaba barnoota afaan
Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti afoolaan gargaaramuun dandeettiiwwan
afaanii barsiisuu qaaccessuudha.Malli qorannoon kun itti gargaarame mala qorannoo
akkamtaatiin yoo ta’u,malli kunis ragaalee sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii gareen
qorachuuf filatamaa waan ta’eefi.malli iddattoo qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti
carraa jalaa mala akkayyootti dhimma bahameera.Dhimmoota mata duree kanaan wal
qabatan qaaccessuuf kitaabilee irraa qabxiilee ijoon sakatta’amaniiru.Adeemsi ragaan
ittiin funaanname:sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii garee barsiisotaafi barattoota mana
barumsa Dagam Sadarkaa tokkoffaa irraa funannameera.Ragaalen qorannichaa
yaaxinoota:tajaajilaa,haalowaafi caaseffamaa keessa yaaxina tajaajilaa gargaaramuun
qaaccessamaniiru.Kunis ragaalee:sanada sakatta’uu,afgaaffiifi marii gareen argaman
akkaataa wal fakkeenyan walittii fiduuniifi qindeessuun ibsuun, kitaaba barnoota Afaan
Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti:afoolawwan argaman, afoolawwan
dandeettiiwwaan afaanii barsiisuuf dhiyaatan,afoolawwan kunnin irra caalattii
dandeettiiwwan afaanii kam barsiisuuf akka dhiyaatan, afoolawwan dhiyaatan sadarkaa,
dandeettiifi aadaa barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuu isaaniifi kkf adda
bahaniiru.Dhuma irratti argannoon qorannichaas:afoolawwan kitaabni barnoota afaan
Oromoo kutaa torbaffaa dandeettiwwan afaanii barsiisuf gargaarame:sheekkoo jechaama,
mammaksa ,tapha ijoollee, weedduufi qoosaa yoo ta’an,kan kutaa saddeettaffaa immoo:
sheekkoo ,jechama, mammaaksa, Hiibboo, weedduu, ciigoo, geerarsa, baacoofi jeekarsa
ateeteeti. Afoolawwan oromoo keessaa gara caalatti kitaabileen kun dandeettiiwwan
afaanii barsiisuf kan fayyadaman kutaa torbaffaa:oduu duriifi mammaaksa yoo ta’u, kutaa
saddeettaffaan immoo:hiibboofi jechama.Kitaabilee lamaanuu keessatti afoolawwan
dhiyaatan irra caalaatti dandeettii dubbisuu barsiisuuf kan dhiyaataniifi gama sadarkaafi
dandeettii barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuun dhiyaachuu irratti hanqina kan
qaban ta’uu isaa argannoon qorannoo kanaa ni mul’isa.
Description
Keywords
kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa torbaffaafi saddeettaffaa keessatti afoolaan gargaaramuun dandeettiiwwan afaanii barsiisuu qaaccessuudha