Qaaccessa Fayyadama Afaanii Kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadamni afaanii kitaaba Seenaa Hanga Jaarraa 20ffaa keessatti
maal akka fakkaatu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf mala qorannoo
akkamtaa gargaarameera. Ragaalee mala funnaansa sakkatta’a dokumaantiidhaan funaanamee
dhimma itti bahamee jira. Ragaaleen meeshaa funaanasa kanaan argamees akkaataa duraa
duuba isaniin tarreeffamuunxiinxalamee ibsameera. Haaluma kanaan bu’aan qorannoo kanaa
akka mul’isuutti, kitaabni seenaa kun rakkoo fayyadama afaanii akka qabu kan mul’isee yoo
ta’u, keesummattu, fayyadama jechootaa ergifannaa, jechoota loogaafi jechoota safuu irratti
hanqinni bal’aan akka ta’ee mul’isa. Kanaafuu, argannoo qorannoo kanaarratti hundaa’uun
yaadni furmaataa kennamees, barreeffama keessatti jechoota ergisaa fayyadamuurra, jechoota
afaanichaa fayyadamuu, fayyadamni jechootaa barreeffama keessatti aadaafi duudhaa
hawaasaa afaanichaaf ofeeggannoo gochuu akka qabu taa’eera.Hanqina fayyadama jechoota
loogaan mul’atanseera afaan waalteessuun, ogeeyyii barnootaafi barattootni akkasumas
barreessitootni gaheenurraa eegamuu bahuun guddina afaanichaaf gumaachuun
barbaachisaadha.