Xiinxala Moggaasa Afaan Oromootiin Jechoota Saayinsawaa Kitaaba Barataa Barnoota Saayisii Waliigalaa Kutaa 7ffaa

No Thumbnail Available

Date

2017-12-20

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun xiinxala moggaasa Afaan Oromootiin jechoota saayinsawaa barnoota Saayinsii Waliigalaa kitaaba barataa kutaa 7ffaa xiinxaluu irratti xiyyeeffate.Qorannoon kun mala ibsaa/addeessaa fayyadamuun kan gaggeeffameedha.Maddi ragaalee isaa ammoo madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha.Malli iddattoo filachuudhaaf hojiirra oole ammoo kaayyeeffataadha.Ragaaleen madda lammaffaan sakatta’a dookimeentiin yoo ta’u ragaaleen madda tokkoffaa ammoo af-gaaffii caaseeffamaan walitti qabamuun xiinxalamaniiru.Xiinxala maggaasa Afaan Oromoottif ibsaafi xiinxala afaan alaa, ibsaafi xiinxala afaan Oromoo, yaanni barsiisotaa bal’inaan xiinxalamee jira.Dhuma irratti ragaalee xiinxalaman irratti hundaa’uun argannoo qorannichaa: maleeenya xiinqooqaatiin jechoota afaanuma sana keessa jiran barbaaduun, jechoota saayinsawaa sanaaf hiika dabalataa kennuun, makuun ,jijjiiruun , madaqsuun, moggaasuun, gosoota kutaalee jechaa akkasumas, tooftaalee haammannaa jechoota saayinsaawaa:Tisheessuun, suphuun ergisan, yaasaan, uumuun, mummuruun, kanneen ta’an akka argaman hubateera.Jechoonni saayinsaawaa kitaaba barataa barnoota Saayinsii Waliigalaa argannoo kana keessatti dhiyaatan maddi isaanii afaanota garaa garaa ta’uun dhiibbaa isaan qabiyyee barnootaa irraan gahuufi dhiisuu isaa,akkasumas,argannoo eerame irratti hundaa’uun yaadni furmaataas kennameera.

Description

Keywords

xiinxala moggaasa Afaan Oromootiin jechoota saayinsawaa barnoota Saayinsii Waliigalaa kitaaba barataa kutaa 7ffaa xiinxaluu irratti xiyyeeffate.

Citation