Walsimannaa Qabiyyee Silabasii, Kitaababarataafi Qajeelcha Barsiisaa: Xiyyeeffannoo Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 12ffaa

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa (PhD)
dc.contributor.authorGabayyahu, Abbabaa
dc.date.accessioned2019-04-12T12:07:30Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:20Z
dc.date.available2019-04-12T12:07:30Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:20Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan walsimannaa qabiyyee meeshaalee barnoota Afaan Oromoo sadan (silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa kudha lammaffaa bara2005/2012 maxxanfamee qophaa’e xiinxaluudha.Qorannoon kun mala qorannaa akkamtaa ta’ee ibsaan kan dhiyaatuu dha. Maddi ragaalee qorannoo kana yemmuu gaggeessu gaaffilee qorannoo kana keessatti ka’aniif deebii kennu walitti qabatee jira.Kunis,madda odeeffannoo jalqabaa(primary source data),kanneen akka meeshaalee barnoota Afaan Oromoo kutaa 12ffaa(silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa)yammuu ta’an,maddi odeeffannoo lammaffaa(secondary source data) immoo barsiisota meeshaalee barnoota Afaan Oromoo(silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa)tiin kutaa 12ffaa barsiisaa jiraniidha.Kana malees,qorannoo kana yemmuu gaggeessu mala iddatteessuu miti- carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo xiyyeeffannoo qorannoosaa waan ta’eef itti fayyadameera.Tooftaan funaansa ragaalee sakatta’a dokumeentiifi afgaaffiitiin walitti qabame xiinxalamee jira.Xiinxala taasifamerraa bu’aan argame akka ibsutti,meeshaalee barnoota Afaan Oromoo kutaa 12ffaa kanneen irratti hanqinoonni walsimannaa qabiyyeewwanii jiraachuun isaanii hubatamee jira.Hanqinoonni kunneenis,gaaffilee kitaaba barataa keessatti dhiyaataniif deebiin isaanii walsimannaadhaan qajeelcha barsiisaa keessaa dhabamuu, qabiyyeewwan silabasii keessa jiran tokko tokko kitaababarataafi qajeelcha barsiisaa keessaa dhabamuu,kaayyoo sirna barnootaa galmaan ga’uuf gaheen walsimannaa meeshaalee barnootaa baayee barbaachisaa akka ta’efi walsimannaa dhabiinsi meeshaalee barnootaa sadan (silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) galma ga’iinsa barnootaa sanarratti hanqina uumuu akka danda’u qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa sadan irraa hubachuun danda’ameera.Dhumarrattis,argannoowwan irratti hundaa’uun haala walsimannaa qabiyyee meeshaalee barnootaa kunneen qabaachuu qaban irratti furmaanni qorataan kaa’ameera.Kunis qaamooleen dhimmichi ilaallatu,qopheessitoonni meeshaalee sirna barnootaafi qaamooleen barnoota irratti hojjetan sadarkaa sadarkaan jiran hanqinoota mul’atan kanneen irra deebi’uun madaaluun akka foyya’iinsi taasifamuufi danda,u yaanni furmaataa kennamera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17914
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleWalsimannaa Qabiyyee Silabasii, Kitaababarataafi Qajeelcha Barsiisaa: Xiyyeeffannoo Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 12ffaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Abbabaa Gabayyahu.pdf
Size:
288.21 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: