Walsimannaa Qabiyyee Silabasii, Kitaababarataafi Qajeelcha Barsiisaa: Xiyyeeffannoo Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 12ffaa
No Thumbnail Available
Date
2018-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan walsimannaa qabiyyee meeshaalee barnoota Afaan
Oromoo sadan (silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa kudha lammaffaa
bara2005/2012 maxxanfamee qophaa’e xiinxaluudha.Qorannoon kun mala qorannaa akkamtaa
ta’ee ibsaan kan dhiyaatuu dha. Maddi ragaalee qorannoo kana yemmuu gaggeessu gaaffilee
qorannoo kana keessatti ka’aniif deebii kennu walitti qabatee jira.Kunis,madda odeeffannoo
jalqabaa(primary source data),kanneen akka meeshaalee barnoota Afaan Oromoo kutaa
12ffaa(silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa)yammuu ta’an,maddi odeeffannoo
lammaffaa(secondary source data) immoo barsiisota meeshaalee barnoota Afaan
Oromoo(silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa)tiin kutaa 12ffaa barsiisaa
jiraniidha.Kana malees,qorannoo kana yemmuu gaggeessu mala iddatteessuu miti- carraa
keessaa iddatteessuu akkaayyoo xiyyeeffannoo qorannoosaa waan ta’eef itti
fayyadameera.Tooftaan funaansa ragaalee sakatta’a dokumeentiifi afgaaffiitiin walitti qabame
xiinxalamee jira.Xiinxala taasifamerraa bu’aan argame akka ibsutti,meeshaalee barnoota Afaan
Oromoo kutaa 12ffaa kanneen irratti hanqinoonni walsimannaa qabiyyeewwanii jiraachuun
isaanii hubatamee jira.Hanqinoonni kunneenis,gaaffilee kitaaba barataa keessatti dhiyaataniif
deebiin isaanii walsimannaadhaan qajeelcha barsiisaa keessaa dhabamuu, qabiyyeewwan
silabasii keessa jiran tokko tokko kitaababarataafi qajeelcha barsiisaa keessaa
dhabamuu,kaayyoo sirna barnootaa galmaan ga’uuf gaheen walsimannaa meeshaalee
barnootaa baayee barbaachisaa akka ta’efi walsimannaa dhabiinsi meeshaalee barnootaa
sadan (silabasii,kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) galma ga’iinsa barnootaa sanarratti
hanqina uumuu akka danda’u qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa sadan irraa hubachuun
danda’ameera.Dhumarrattis,argannoowwan irratti hundaa’uun haala walsimannaa qabiyyee
meeshaalee barnootaa kunneen qabaachuu qaban irratti furmaanni qorataan kaa’ameera.Kunis
qaamooleen dhimmichi ilaallatu,qopheessitoonni meeshaalee sirna barnootaafi qaamooleen
barnoota irratti hojjetan sadarkaa sadarkaan jiran hanqinoota mul’atan kanneen irra
deebi’uun madaaluun akka foyya’iinsi taasifamuufi danda,u yaanni furmaataa kennamera.