Afseenessoota ijaarsa eenyummaa torban oboo: Yaaxxina ijaarsa hawaasummaatiin.

No Thumbnail Available

Date

2025-08-10

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mataduree Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo irratti kan bu‟uure yoo ta‟u, kaayyooleen qorannichaas: akkaataa itti afseenessoonni eenyummaa hawaasaa Torban Oboo ibsan adeessuu, haala afseenessoonni daangaa eenyummaa Torban Oboo addeessan adda baasuufi afsenessoonni Torban Oboo hariiroo uumama naannoofi eenyummaa Torban Oboo agarsiisuu keessatti qaban adda baasudha. Kaayyoolee kanneen galmaan ga‟uufis goodinaafi aanaa qubsuma Oromoo Tuulamaa, Torban Oboo ta‟an keessaa mala akkayyoon Goodina Shawaa Bahaa naannoo aanaa Boosat fudhachuun daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba‟uun qoratichaan ragaaleen funaannataman. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: maanguddoota, abbootii Gadaa, foolleewwaniifi hawwan bakka maddaarraa kan filatamn yommuu ta‟an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba‟amanidha. Kana malees, odeeffannoo kana walitti qabuuf dhiyaattinnii dhimma bahame, maleenya gaaffii seenessaa, hidda dhalootaa, seenaa maatiifi kanneen biroos ni jiru. Akkasumas, ragaaleen funaanaman yaaxxiina ijaarsa hawaasummaa, eenyummaa hawaasaafi hiika fakkoomiitti bu‟uureffachuun mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahame xiinxalame. Malli qorannoo kunis beekumsa hawaasaa, hiikaa seenaafi hawaasummaarratti kan ijaaramedha. Saxaxni qorannoo kanaa immoo akkaataa ibsaan seenessuufi hiikatti kennuun kan dhimma ba‟amedha. Af-seeneffamoota walitti qabamanirraa argamanitti, argannoowwan ijoon qorannoo kanaas:hawaasni Torban Oboo eenyummaa isaanii cimsachuuf hawaasni Torban Oboo achi as dhuftee isaanii dhaloota dhuftuuf tooftaa itti dabarsan ta‟uu mul‟isa. Hiddi dhalootaa kunis dhiiraafi dubartiin kan barsiifamu ta‟uun isaa kan mirkanaa‟edha. Dabarsa hidda dhalootaa kana caalmaaatti qabatama taasisuuf sirna „Dikee‟jedhamu ijaarratanii qabu. Dabalataanis,hawaasichi dhimmoota lafaafi daangaa lafaa walqabataniinis akkatatti naannoosaa hubatu hedduu kan qabudha. Laftiifi daangaan lafaa hawaasa kana biratti iddoo guddaa qaba, seera sirna Gadaan kan to‟atamudha. Kunis daangaan waan uumamaan jiruu olitti akkaataa yaaduu hawaasaa, gochaalee hawaasaa,ilaalchaafi adeemsa jireenyaa mara kan walitti hidhu ta‟uusaa mul‟isa. Akkasumas, daangaan lafaafi lafti guddina siyaasaafi dinagdee hawaasa tokkoon kan walqabatu ta‟uusaa kan mul‟isudha. Itti dabalee, hawaasichi afseenessaan dhimma ba‟ee uumama naannoo adda addaa fakkoomiin ibsuun eenyummaa isaa barootaa hanga barootaatti tursiifatee jira. Kunis, hawaasni Oromoo Torban Oboo qabeenyaalee uumamaa naannoo isaanii jiraatan kunuunsuufi ittiin eenyummaa isaa ibsuu keessatti safuu, safeeffannaafi duudhaa hawaasichi qabu cimsuuf haala adda addaan fakkoomiin ibsu. Gosoonni mukkeeniifi bineensotaa adda addaa safuu isaanii eeggatanii akka kunuunfamaniif fakkoomii walhormaataafi bilchina umurii walqabsiisuun sanyiin mukkeen badnaan, sanyiin namaa illee jiraachuu akka hindandeenye cimsuuf gargaaramaniiru. Gaarreeniifi ujubnillee mul‟istuu eenyummaa, bakka argama uumaafi ayyaanni abbootii waliin walargan waan ta‟eef, uumaamni kunneen bannaan eegereen hawaassichaa baduu akka danda‟u ifoomee jira

Description

Keywords

Qorannoon kun mataduree Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo irratti kan bu‟uure yoo ta‟u, kaayyooleen qorannichaas: akkaataa itti afseenessoonni eenyummaa hawaasaa Torban Oboo ibsan adeessuu, haala afseenessoonni daangaa eenyummaa Torban Oboo addeessan adda baasuufi afsenessoonni Torban Oboo hariiroo uumama naannoofi eenyummaa Torban Oboo agarsiisuu keessatti qaban adda baasudha.

Citation