Xiinxala Qabiyyeefi Itti Fayyadama Qoricha Aadaa Aanaa Jibaat

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun, qabiyyeefi itti fayyadama qoricha aadaa haala qabatamaa aanaa Jibaat keessatti mul‟atu xiinxaluurratti xiyyeeffata.Kanaaf, kaayyoon qorannoo kanaa,qabiyyeefi itti fayyadama qoricha aadaa aanaa jibaat xiinxaluudha.Ka‟umsi qorannichaas:dhimma qoricha aadaa ilaalchisee gochaafi jechaan dhalootatti darba malee,barreeffamee hin teenye;waanti afaaniin darbu ammoo,ni dagatama.Kan biroon, akka amman sakatta‟ee argetti aanichaatti qorannoon kan hin gaggeeffamneefi namoonni baay‟een durii kaasanii qoricha kennaafi fudhataa yeroo turan ani waanan argaa guddadheef qorachuuf fedha godhate. Yaaxxinni qorannoon kun bu‟ureeffates: yaaxxina aadaa hawaasaa fi yaaxxina faayidaati. Malli qorannoo kaanaas mala qorannoo akkamtaa/qulqullinaati. Kunis jiruufi jireenyi hawaasaa maal jechuu akka ta‟e,kan ittiin xiinxalamu waan ta‟eef,ani mala kana fayyadamuudhaan mala qorannoo addeessaa hojiirra oolche.Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas,aadaa hawaasaarratti.Haaluma kanaan, qorannoo kana keessatti qabiyyeefi faayidaa qorichi aadaa qabu, waantota qorichi aadaa irraa qophaa‟u,akkamitti akka qophaa‟u , guyyaafi sa‟aatii itti qophaa‟u, eenyutu akka qopheessu, babal‟achuun manneen yaalaa qabiyyeefi itti faayyadama qoricha aadaa irratti akkamitti akka waldeeggaruu qaban, ofeeggannoo yeroo qorichi aadaa kennamu taasifamuufi safara qorichi aadaa ittiin kennamu xiinxaluu irratti xiyyeeffatee dhiyaate. Odeefkennitoonni qorannichaaf ta‟anus mala iddattoo itti yaadee/purposive sampling/ fi mala iddattoo darbaadabarsaa/snow bolling/tiin filatamaniiru. Odeeffannoon kunis namoota qoricha aadaa beekanirraa afgaaffii, daawwannaafi marii gareetiin kan funaaname yoo ta‟u, warra qoricha kanatti fayyadamanii ittiin fayyan ammoo, marii gareefi afgaaffiidhaan funaanameera. Haaluma kanaan, qabiyyee fi itti faayyadama qorichi aadaa qabutti dabalee waantota qorichoonni aadaa irraa qophaa‟an, akkaataa ittiin qophaa‟anii dhukkubsataaf kennamaniif irratti hundaa‟uun bakka garagaraatti qoodamanii taa‟aniiru. Qophii qoricha aadaarratti waantonni ogeessi qoricha aadaa hojjetuufi dhukkubsattoonni qoricha aadaa fudhatan irraa ofeeguu qaban ibsameera. Kanaafuu, faayidaa qorichi aadaa gama dinagdeetiin, siyaasaafi hawaasummaatiin qabu bakka torbatti qoodamee dhiyaateera. Qorichi aadaa guyyoota torbanii keessaa irra caalaa guyyaa: Wiixataa, Roobiifi Jimaataa qophaa‟a. Sababni isaas, waraqaa kana keessatti dhiyaateera. Qabiyyeen qoricha aadaa ykn waantonni qorichi aadaa irraa hojjetaman waantota gurguddoo shan ta‟uusaa argannoo keessatti ibsamee jira.Karaa biraatiinis, waantonni adeemsa qophii qoricha aadaa keessatti keessa darbaman sababa isaa wajjin waan ibsamaniif qoricha aadaa dhukkuba fayyisuun alatti falaasama hawaasichaa ta‟uu isaa agarsiisa. Qoricha aadaa kana akka gara fuula duraatti sirriitti tajaajilu taasisuuf namoonni qoricha aadaa qopheessanis ta‟e,qaamni mootummaa dhimma kanarratti akka qorannoon gadifageenyaan geggeeffamuufi qorichi ammayyaa irraa oomishamu sochii cimaa taasisuu qabu.Walumaagalatti waantonni QA irraa hojjetaman ykn qabiyyeen isaa waantota gurguddoo shanirraa hojjetama;faayidaan QA bakka gurguddaa torbatti qoodama;yoomessi QA fi namoonni QA qopheessan eenyu akka ta‟an argannoo keessatti ibsameera. Akkaataadhuma kanaan,namoonni QA beekanu akka hin banne kunuunsuu qabu;namoonni QA qopheessan sa‟aatii qorichi kun itti qophaa‟uufi itti kennamu akkasumas,safara isaa adda baasanii akka baran ykn ijoollee isaanii barsiisan;karaa mootummaa namoota QA beekanii leenjiin jajjabinaa osoo kennameefii;akkuma qoricha ammayyaa QA hangi(dosage) osoo sirriitti baramee kan jedhu yaboo keessatti dhiyaateera.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation