Hiika Faallaa Jechootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu’eel (PhD)
dc.contributor.authorOlaanaa, Abrahaam
dc.date.accessioned2019-04-18T07:30:02Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-18T07:30:02Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa dhihaannaa gilgaalota hiika faallaa jechootaa kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 qaaccessuudha. Galma ga’iinsa kaayyoo qorannoo kanaatiif kitaabni barataa kutaa 11fi 12 sakatta’amee jira. Barattoonni kutaa 12ffaa 360fi barsiisonni Afaan Oromoo kutaawwan kanneenii sadii iddatteeffamanii jiru. Iddattoowwan kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo meeshaalee funaansa ragaa bargaaffiifi afgaaffiitti dhiamma bahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) qaacceffamee, ibsamee jira. Ragaan sakatta’insa kitaabaafi afgaaffii barsiisotaa irraa argame mala akkamtaatiin, ragaan bargaaffii barattootaa irraa funaaname ammoo, mala ammamtaatiin qaaccessamee jira. Ragaa mala akkamtaa hordofuun funaaname mala qorannoo akkamtaatiin kan ibsame yoo ta’u, ragaan mala ammamtaatiin argame ammoo jalqaba irratti barattoonni gaaffii tokkoof deebii walfakkaataa kennan adda bahanii erga lakkaa’amanii booda dhibbeentaan gabatee keessa kaa’amanii ibsiifi hiikni gahaan itti kennamee jira. Ragaa kana irraas wanti hubatame dhihaannaan gilgaalota hiika faallaa jechootaa KBAO kutaa 11fi 12 hanqina qabaachuu isaati. Hanqinoonni adda ba’anis, gilgaalonni hiika faallaa jechootaa kitaabilee kanneen keessa jiran xiyyeeffannoo kan hinargatin ta’uu, ga’aafi hawwatoo kan hin ta’in ta’uu, unkaalee gaaffii adda addaatiin kan hindhiyaatin ta’uu, sadarkaa barattootaatiin kan wal hinginne ta’uu,walitti fufiinsaan kan hindhiyaatin ta’uufi hariiroo jechoonni wal morkatoon qabaniin kan hindhiyaatin ta’uun hubatamee jira. Kanarraa kan ka’e, dhihaannaan gilgaalota hiika faallaa jechootaa kitaabilee kanneen keessaa barattoota haala gaariin hirmaachisuun hiika faallaa jechootaa dammaqinaan akka baratan kan taasisu miti. Kanaafuu, qopheessitonni kitaabilee kanneeniifi qaamni dhimmichi isaan ilaallatu hunduu dhihaannaan gilgaalota hiika faallaa jechootaa KBAO kutaa 11fi 12 ga’aafi hawwatoo ta’an haala walitti fufiinsa qabuun dhiyeessuun, gilgaalonni dhiyaatanis sadarkaa barattoota kanaatiin walgitanii akka dhiyaataniifi hariiroo jechoonni walmorkatoon qabaniin fooyyessanii dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun dhimma barbaachisaa ta’a. Hanga kitaabileen kunneen fooyya’nitti garuu barsiisonni Afaan Oromoo kutaawwan kanneenii gilgaalota hiika faallaa jechootaa ga’aa ta’an unkaalee gaaffii adda addaatiin qopheessanii haala hawwataa ta’een bifa walitti fufiinsa qabuun dhiyeessuun, akkasumas, hariiroo hiikni faallaa jechootaa qabaniin sadarkaa barattoota kanaatiin walsimsiisanii barsiisuu akka qaban bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’anii eeruun nidanda’ama.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18034
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleHiika Faallaa Jechootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12en_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Abrahaam Olaanaa.pdf
Size:
678.86 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: