Xiinxala Adeemsaafi Fakkoommii Sirna Fuudhaafi Heerumaa Oromoo Kamisee
No Thumbnail Available
Date
2016-07
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsaafi fakkoommii sirna fuudhaafi heerumaa Oromoo Kamisee aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti argaman xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf waanti qorataa kana kakaase sirna kadhatanii fuudhuu keessatti adeemsi sirna duudhaa kana bareechuuf oolan, akkasumas sirnaa kadhaatii qabee hanga fuudhaatti gosoota fookloorii sirnicha keessatti argaman ergaa afoolawwan cidhaa, fakkoommiwwan uffata aadaa cidhicha bareechuuf oolanii hiikafi ergaa isaan dabarsan, xiinxaluudha. Odeeffattoonii qorannooo kanaa kan irratti hirmaatan jaarsolii, haadhota, shamarraniifi dargaggoota dhiiraa aanaaa Jiillee Dhummuugaa keessa jiraatan keessaa mala iddatteessuu kayyeeffataa( purposive sampling) fayyadamuun filatamanii jiru. Ragaan qorannoo kanaaf oolu funaanuufis, afgaaffiin, daawwannaa dirreefi qaaccessa ragaalee barreeffamaan jiran gargaarameera. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman akkamtaatti fayyadamuun qaacceeffamanii jiru.Argannoon qorannoo kanaameeshaaleen faayaa kaadhimaan uffattu kan namni biraa hinkeewwaanneefi dhimmuma kaadhimaa qofaaf ooluu isaafi guyyaa cidhaa kan muudaa muudu abbaa hintalaa ta’uu isaa argameera. Mallen kanneenitti gargaaramuun sirni duudhaa kun adeemsa isaa bifa barreeffamaafi viidiyoon waraabamee dhaloota dhufuuf godaanbaa keessa osoo kaawwamee dhaloota dhufuuf aadichiiifi sirnichi akka hinirraaffatamne gargaara. Walumaa galatti qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’a jedhamee kan kaawwame, jaarsoliin biyyaa, itti gaafatamtoonni aadaafi turizimiifi namoonni dhimma kana irratti qorannoo geggeessan hundi aadaan fuudhaafi heerumaa kana keessatti sirnoonni jiraniifi afoolli akkasumas faayaafi uffanni jiran xiyyeeffannoo itti laatamuun bifa waraabbitiin kaa’amuu qaba.
Description
Keywords
Adeemsaafi Fakkoommii Sirna