Qaaccessa Raawwii Durdurii Oromoo Godiina Shawaa Kibba Lixaa: Aanaa Daawoo

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Qaaccessa Raawwii Durdurii Oromoo Aanaa Daawoo irratti xiyyeeffate. Qorannoo kana mataduree kanarratti gaggeessuuf kan nakakaase keessaa inni ijoon Raawwii Durdurii Ormooo irratti hojiin hojjatame waan na hinqunnameefi aanaa kana hojiin hamman turetti, dhaloonni ammaa kun karaa ammayawaatti duufuun, beekumsa Durdurii Oromoo irratti qaban quubsaa ta‟ee waan natti hinmul‟anneefi darbe darbeellee kan dhimma itti bahaa jiran maanguddota waan ta‟aniifidha. Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf, akkasumas, gaaffilee bu'uuraa deebisuuf mala qorannoo akkamtaatti fayyadame. Mala iddatteessuu kaayyeeffataafi eerummaatiin maanguddoota 9fi barattoota12rraa Odeeffannoon: daawwannaa,af-gaaffifi marii garee xiyyeeffannootiin teeppidhaan, suursagaleen waraabamee, walitti qabamuun, gara barreeffamaatti jijjiirameera. Baay‟inni Durduriiwwan funaanamanii 55 yoo ta‟an, boqonna 4 jalatti durduriiwwan 24 yemmuu qaacceffaman, kanneen hafan immoo dabalee jala kaawamaniiru. Qorannoon kun yaaxina haalawaafi yaaxina tajaajilaa hordofe. Akka qorannoon kun biraga'etti:raawwiin Durdurii Oromoo, sirna jaarsummaa keessatti: ,jalqabarra araarri eebban baname, yeroo araarri taasifamu: maanguddoonni durdurii dhimma araarichaatiin walqabatu fayyadamanii, jalqabaa hanga xumuraatti durduriiwwan himaman hordofamuun akkataa yaadonni dhimmoota dubbii araaraaf ta‟aniitiin itti fayyadamuun kan jiru ta‟uu,Dhimma araaratiin walqabannaa qabaachuun kan hubatame ta‟uu,xumurri sirna raawwii jaarsummaatis hangafni harka(barruu) quxusuutti tuttufuun araramanii, mijuun araaraa eebbifamee, warra waldhaban mijuu waliin unachiisuun araarri eebbaan xumurame. Raawwiin durduriin Oromoo sirna jaarsummaa kanaan haalli durduriin itti dubbatamu kan nama hawwatuufi yaadonni dubbataman, ergaa sirna araaraa cimsuun kan araarasan ta‟uun bira ga‟eera.Maanguddoonni maatiitti durdurii yemmuu himan: seerri raawwii durdurii Oromoo galgala galgala waarii ta'uufi sababa hojiirraan kan ka'e guyyaa himamuun akka hindanda'amne, dhaggeefataan gaaffii hingalleef gaaffachuu mirga kan qabu ta'uu, durdurii himaan deebii itti yaadee deebisu akka danda'u bira ga'eera. Akkataan himiinsa jalqabbii durdurii Oromoo maanguddootafi barattoota biratti walfakkeenyifi garaagarummaan akka jiruufi dhaloonni ammaa akkataa himiinsa durdurii irratti bifa ammayummaatti duufaa kan jiran ta'uu bira ga'eera. Fakkaattiiwwan yookaan taattonni durduricha keessatti seenaa durdurichaa tarkaanfachiisan; namoota, bineensota, beeyladoota, uumamaa adda addaa, allaattiiwwan akka ta‟an bira ga'eera. Durduriiwwan Oromoo akkataa dinagdee hawaasaa itti hubachisan, akkataa aadaafi safuu hawaasaa itti calaqqisiisan,akkataa hawaasummaa yookiin tokkummaa hawaasaa itti ibsaniifi akkataa siyaasa biyyaa itti qeeqan biraga‟eera.Yaboon eerame; Raawwii Durdurii Oromootiin ala kan jiruuf immoo qorattoonni biroon osoo irratti qoratanii, dhaloota haaraaf waan turuu qabu osoo tursiisanii, waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa Daawoo akka irratti hojjachuu qabu, bifa waraabbiifi barreeffamaatiin olkaa'uun gaarii ta'uu dhaamsa qorannoo kanaa ta‟uun goolabameera.

Description

Keywords

Citation