Xiinxala “Sirna Kallachaa” Oromoo: Aanaa Kuyyuu

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorqnnoon kun Sirna Kallachaa haala qabatamaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu keessatti adeemsifamu xinxaaludha.Kaayyoon qorannoo kanaa dhaloonni haaraan meeshaa aadaa Oromoo Kallacha irratti waan afaaniin darbaa ture barreeffamaan akka argatan gochuufii sirni Kallchaan raawwatamaa ture alagaan ajjeefame akka deebi’ee fayyu lubbuu itti horuuf yaada dhiyeessuudha.Haaluma kanaan Odeeffannoon qorannichaaf ta’us mala eerummaatiin namoota faayidaa Kallachaa sirna adda addaa keessaat qabu beekan 12 irraa funaanuun gaggeeffame.Dabalataanis, sirna guyyaa guddifachaa aanaa kana deemuun raawwiiwwan raawwataman mara waraabuun xinxaalameera.Haaluma kanaan sirna kam kam irraatti Kallachi akka taajaajilu gartuu hawaasaa gargaaramuurratti hundaa’uun bakka addaa addaatti qooduun ilaalamaniiru.Raawwiiwwan hawwaasaan guyyaa kana raawwataman yeroo sirni kun geggeeffamuu kaasee adeeemsi adeemsifamu hundi hiika (fakkoommii) falaasama gadi fagoo ofirraa qabu. Taajaajila Kallachaa iddoo adda addaatti qabu gosaan hiramees ilaalaameera.Haaluma kanaan, Kallachhi dhimma lubbuun walqabatuun guddifachaa, dabdee hawaasa keessaa hiikuurraati gahee ol aanaa akka qabu bira gahaameera.Kallachi mallattoo aangoo, mallattoo araaraa, mallattoo hormaataa, mallatto safuu, mallattoo nageenyaafi badhaadhinaa ta’uun isaan bu’uura.Gama biraatiin Kallachi eenyummaafi falaasama Oromoo calaqqisiisuurratti ga’ee guddaa akka qaban ilaalameera.Kallacha gara fuulduraatti kana caala akka tajaajilan gochuuf namoonni meeshaaleen aadaa kun isaan bira jirus ta’ee qaamni dhimmi kun isaan illaallatu meeshaa kanarratti akka qorannoon gaggeeffamuufi akka badiif hinsaaxilamne dirqama isaanii ba’uu qabu.

Description

Keywords

Citation