Qaacceessa Lagannaamaqaalee Fuudhaa Fi Heerumaan Walqabatee Jirugodina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Abbittii Tusuu
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kayyoon qorannoo kanaa lagannaa maqaalee sirna fuudhaa fi heerumaan walqabate hawaasa Arsii Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu biratti beekamu qaaccessuudha.Qorannoo kana gaggeessuuf wanti qorataa kakaase aadaa, duudhaa fi safuu Oromoon qabu keessaa lagannaa maqaaleefuudhaa fi heerumaan walqabatee jiru hawaasa Oromoo Arsii biratti haala durii fi ammaa waan irra jiru, dhaloonni haaraa akkamitti akka fayyadamaaru , godinaalee Oromiyaa birootis duudhaan kun akka beekamuuf akkasumas akka laayyotti akka hindagatamne qaaccessuudha.Odeefannoo kennuun kan irratti hirmaatan jaarsolii, haadholii, shamarran fi ogeeyyii Waajjira Aadaa fi Turiizimii Aanaa Adaamii Tulluu keessatti argaman yoo ta’an mala iddatteessuu kaayyefataa[purposive sampling] fayyadamuun filaamaniiru.Ragaan qorannoo kanaa funaanuuf gargaarame afgaaffii, marii, daawwannaa dirree fa’a gargaarameera. Ragaalee meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaatti fayyadamuun qaaccefamanii jiru.Argannoon qorannoo kanaa lagannaa maqaalee sirna fuudhaa fi heerumaa keessatti baay’inaan kan lagatamu dubartootaan akka ta’e, aadaan kun kabaja ykn ulfina keessattuu warra soddaaf,manguddoo, dargaggeesa,dargaggeetti,wantoota warri intalaaa guyyaa sirna gaa’elaa dhaaman/hirmii/akkasumas mqaalee adda addaa kanneen maqaa warrasoddaatiin walfakkaatan fa’akan lagatan ta’uu,lagannaa hirmiis ta’ee kan maqaadhaloota haaraa biratti dagatamuusaa,lagannaa maqaa kan fayyadaman ykn lagatan dubartoota gosa Arsii keessaa murta’aan akka ta’an,lagannaa maqaa akkaataa duudhaan hayyamuun fayyadamuun safuu fi safeeffannaa eeggatanii jiraachuuf akka ta’e beekameera.Malleen kanneenitti fayyadmuun lagannaa maqaalee gaa’elaan walqabatee jiru bifa brreeffamaan barnoota idilee keessatti waa’ee laguu fi lagannaa akka darbu osoo ta’ee,manguddoon duudhaan kun akka hindagatamne dhaloota haaraa afoolaan barsiisuu,hayyoonni immoo qorannoo bal’naa fi gadifageenyaan yoo geggeessan aadaa, duudhaa fi safuu hawaasaa akka hin irraffanne fi itti fuufsisuuf carraa gaarii uuma.Walumaagalatti qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’an jedhamee kaa’ame hayyoonni, jaarsoliin, barsiisonni fi hojjattoonni Waajjira AT Aanaa Adaamii Tulluu aadaa lagannaa maqaalee gaa’elaan walqabatee jiru xiyyeefannaa itti kennamee dhaloota haaraa barsiisuu akka qaban qorattichi cimsee dhaama.