Xiinxala Hariiroo Oleefi Dalgee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1fi 2 Kitaaba Barattootaa Bara 2005 Irraatti Xiyyeeffate

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa (PhD)
dc.contributor.authorLeencaa, Boggaalee
dc.date.accessioned2020-11-10T08:01:54Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:55Z
dc.date.available2020-11-10T08:01:54Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:55Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kun hariiroo oleefi dalgee barnoonni Afaan Oromoo kutaa 1fi 2 kitaaba barattootaa bara 2005 maxxanfaman waliin qabu xiinxaluurratti kan xiyyeeffateedha. Fiixaan ba’umsa kaayyoo qorannichaatiif madda ragaalee kan ta’an kitaabileen barattootaa kutaalee lamaanii kan bara 2005/2012 maxxanfaman iddatteessuu akkaayyootiin filatamanii sakatta’amaniijiru. Meeshaaleen funaansa ragaalee sakatta’a kitaabilee barattootaa gosoota barnootaa kutaa 1fi 2 barsiifamanitti fayyadamuun odeeffannoon sassaabameera. Ragaaleen walitti qabamanis mala ammamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennameera. Bu’aa ragaalee kanneenirraa argameenis barnooti Afaan Oromoo kutaa 1fi 2 hariiroo dalgee eegee qophaa’uurratti hanqina qabaachuunsaa bira gahameera. Dabalataanis, hariiroon olee qabiyyeewwan kitaaba barattootaa kutaa 1fi 2 qabiyyeewwan kitaaba barattootaa bara 2005 maxanfamanii wajjin kutaadhaa gara kutaatti qaban ulaagaa walitti fufiinsaafi dagaagina qabiyyeetiin sakatta’amanii hariiroon olee xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uunsaa mirkanaa’eera. Argannoo kanneen bu’uureffachuun qoratichi yaada furmaataa kaa’eera. Haaluma kanaan, ogeeyyiin kitaaba barnootaa afaanii qopheessan hanqinoota kanneen hubachuun haala qindoomina hariiroo dalgeefi olee eegeen fooyyessanii yoo qopheessan gaarii ta’a jechaa, hanga fooyya’ee hojiirra oolutti barsiisonni afaanichaa bu’aa argannoo kanaatti fayyadamuun fooyyessanii barsiisuun furmaata yeroo ta’uu akka danda’u qoratichi eereera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23133
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectOromo Languageen_US
dc.titleXiinxala Hariiroo Oleefi Dalgee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1fi 2 Kitaaba Barattootaa Bara 2005 Irraatti Xiyyeeffateen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Boggaalee Leencaa.pdf
Size:
350.92 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: