Xiinxala Hariiroo Oleefi Dalgee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1fi 2 Kitaaba Barattootaa Bara 2005 Irraatti Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun hariiroo oleefi dalgee barnoonni Afaan Oromoo kutaa 1fi 2 kitaaba barattootaa bara 2005 maxxanfaman waliin qabu xiinxaluurratti kan xiyyeeffateedha. Fiixaan ba’umsa kaayyoo qorannichaatiif madda ragaalee kan ta’an kitaabileen barattootaa kutaalee lamaanii kan bara 2005/2012 maxxanfaman iddatteessuu akkaayyootiin filatamanii sakatta’amaniijiru. Meeshaaleen funaansa ragaalee sakatta’a kitaabilee barattootaa gosoota barnootaa kutaa 1fi 2 barsiifamanitti fayyadamuun odeeffannoon sassaabameera. Ragaaleen walitti qabamanis mala ammamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennameera. Bu’aa ragaalee kanneenirraa argameenis barnooti Afaan Oromoo kutaa 1fi 2 hariiroo dalgee eegee qophaa’uurratti hanqina qabaachuunsaa bira gahameera. Dabalataanis, hariiroon olee qabiyyeewwan kitaaba barattootaa kutaa 1fi 2 qabiyyeewwan kitaaba barattootaa bara 2005 maxanfamanii wajjin kutaadhaa gara kutaatti qaban ulaagaa walitti fufiinsaafi dagaagina qabiyyeetiin sakatta’amanii hariiroon olee xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uunsaa mirkanaa’eera. Argannoo kanneen bu’uureffachuun qoratichi yaada furmaataa kaa’eera. Haaluma kanaan, ogeeyyiin kitaaba barnootaa afaanii qopheessan hanqinoota kanneen hubachuun haala qindoomina hariiroo dalgeefi olee eegeen fooyyessanii yoo qopheessan gaarii ta’a jechaa, hanga fooyya’ee hojiirra oolutti barsiisonni afaanichaa bu’aa argannoo kanaatti fayyadamuun fooyyessanii barsiisuun furmaata yeroo ta’uu akka danda’u qoratichi eereera.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation