Bifiyyee Fi Qabiyyee Weedduu Jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu: Ija Siyaas Diinagieen Ilaalcha Ummataa Xiinxaluu (Lufaafi Fufaa)

dc.contributor.advisorMulgeeta Nagaasaa (Phd)
dc.contributor.authorAtsaduu G/Maariyaamv
dc.date.accessioned2024-01-02T08:56:30Z
dc.date.available2024-01-02T08:56:30Z
dc.date.issued2021-11-01
dc.description.abstractMataduree qorannoo bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa Godina Shawaa LixaaAanaaJalduuijasiyaasdiinagdeen iaalcha ummataa xiinxaluu jedhu keessatti gabaabinaan kan dhiyaatan:akka kamusaatti, weedduun jaalalaa damee afoolaa waan ta‟eef afaaniin darbaa kan tureefidarbaa kan jiru ta‟ee,gama adda addaan dhiibbaa keessa kan tureefi dhiibbaa keessa kanjirudha.Qorattuunis dhimmuma kana bu‟uura godhachuun bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaairratti xiyyeeffachuun qorannoo kana geggeessite.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa bifiyyeefiqbiyyee weedduu jaalalaa ija siyaas diinagdeen ilaalcha ummataa xiinxaluudha Kaayyoo kanagalmaan ga‟uuf mala qorannoo akkamtatti dhimma ba‟ame.Malli iddatteessuu qorannoo kanageggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ames mala akkayyoofi darbaa dabarsaati. Malleenfunaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee turan. Boqonnaa arfaffaakeessattis ragaaleenbifa af-gaaffii ,marii gareefi daawwannaan funaanaman xiinxalamaniiru.Xiinxala qorannoo kanaa keessattis maalummaa weedduu jaalalaa, gosoota weedduu jaalalaakanneen akka, jaalala dhiiraafidubara gidduu jiru, jaalala haadhaa, jaalala abbaa, jaalalaobboleessaa jaalala gootaafi biyyaa ijasiyaas diinagdeetin yaaxina haalawaa, yaaxinafaay‟idaafi yaaxina bifeessummaarratti hundaa‟uun bifa bifiyyeefi qabiyyee isaaniitiinxiinxalamaniiru. Weedduun jaalalaa miira maraarfachuun waan jaalatan tokko qalbiifi miirajaalalaan guuteen leellifachuu kan ibsuufi dhamsawwan garaa garaa kan dabarsuudha.Yoomessi weedduu jaalalaa daanga‟aa kan hintaane ta‟uu isaa. Weedduun jaalalaa kanweeddisaan ykn weeddiftuun waan jaalatan sana hawwachuuf leellisuun garaa booressuungarayaada ofiitti fiduuf kan weeddisanfi dhimmota adda addaa kan ittiibsatanta‟uu,weedduunjaalalaa,badaa hurruubbii kan hin qabne, sadoommii garaa garaan kan ofkeessatti ammatuta‟uu, duudhaafi safuu hawaasichaa kan calaqqisiisu,maleen dubbii garaa garaa kan dhiyaatuta‟uu akkasumas kan wellisaan hirmaattoota ykn qooddattota malee qofaa isaa kan raawwatuta‟uun isaa qaacceffameera. Dhumarratti cuunfaa,argannoofi yaboon qorannichaa dhiyaataniiru.
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1381
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.titleBifiyyee Fi Qabiyyee Weedduu Jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu: Ija Siyaas Diinagieen Ilaalcha Ummataa Xiinxaluu (Lufaafi Fufaa)
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Atsaduu GMaariyaam.pdf
Size:
3.83 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: