Qaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaaf Heeruma Kadhaa: Kan Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa

dc.contributor.advisorFufaa, Tolemaariyaam (PhD))
dc.contributor.authorKumarraa, Lammeessaa
dc.date.accessioned2019-04-19T08:59:55Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-19T08:59:55Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractEebba Oromoo ilaalchisee qorannoon addaa addaa namoota garaagaraatiin haa hojjetaman malee,eebba oromoo keessaa qaaccessa qabiyyee eebba sirna raawwii fuudhaaf heeruma kadhaa irratti raawwatamu kan aanaa Abbayyaa irratti namni funaanee qaaccesse hinjiru. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan, afoola Oromoo keessaa qabiyyee eebba sirna raawwii fuudhaafi heeruma kadhaa irratti raawwatamu qaaccessee kaa’uudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uudhaafis malli qorannoo dhimma itti ba’ame,mala qorannoo addeessaa keessaa tokko kan ta’e, qorannoo ibsaa yoo ta’u, Odeeffannoon barbaachisaan madda ragaa tokkoffaafi lammaffaa irraa kan argameedha. Maddi ragaa tokkoffaan namoota dhimma afoola oromoo keessaa eebba irratti muuxannoo gahaa qaban maanguddoota kan hirmaachiseefi akka madda ragaa lammaffaatti immoo dokimentiileen barreeffamaan jiran kan sakatta’amaniidha. Haaluma kanaan qaaccessi qabiyyee eebbaafi sirni raawwii fuudhaaf heeruma kadhaa qorannoo kana keessatti hammatamanii jiru. Malleen funaansa ragaa dhimma itti ba’ame immoo afgaaffii, daawwannaafi dokimentii xiinxaluudha. Qabiyyee ijoon mataduree kanaa kun: nageenya, kadhaa waaqaa, gaa’ila, hormaata, hawwaasummaafi dinagdee ta’uunsaanii hubatameera. Kanmalees, wantoota jiruufi jireenya ilma namaa keessatti nama mudatan kan akka hariiroo hawaasummaa ,abdii,obsa qabaachuu ni agarsiisa.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18075
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaaf Heeruma Kadhaa: Kan Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Lammeessaa Kumarraa.pdf
Size:
952.27 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: