Qaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaaf Heeruma Kadhaa: Kan Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Eebba Oromoo ilaalchisee qorannoon addaa addaa namoota garaagaraatiin haa hojjetaman malee,eebba oromoo keessaa qaaccessa qabiyyee eebba sirna raawwii fuudhaaf heeruma kadhaa irratti raawwatamu kan aanaa Abbayyaa irratti namni funaanee qaaccesse hinjiru. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan, afoola Oromoo keessaa qabiyyee eebba sirna raawwii fuudhaafi heeruma kadhaa irratti raawwatamu qaaccessee kaa’uudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uudhaafis malli qorannoo dhimma itti ba’ame,mala qorannoo addeessaa keessaa tokko kan ta’e, qorannoo ibsaa yoo ta’u, Odeeffannoon barbaachisaan madda ragaa tokkoffaafi lammaffaa irraa kan argameedha. Maddi ragaa tokkoffaan namoota dhimma afoola oromoo keessaa eebba irratti muuxannoo gahaa qaban maanguddoota kan hirmaachiseefi akka madda ragaa lammaffaatti immoo dokimentiileen barreeffamaan jiran kan sakatta’amaniidha. Haaluma kanaan qaaccessi qabiyyee eebbaafi sirni raawwii fuudhaaf heeruma kadhaa qorannoo kana keessatti hammatamanii jiru. Malleen funaansa ragaa dhimma itti ba’ame immoo afgaaffii, daawwannaafi dokimentii xiinxaluudha. Qabiyyee ijoon mataduree kanaa kun: nageenya, kadhaa waaqaa, gaa’ila, hormaata, hawwaasummaafi dinagdee ta’uunsaanii hubatameera. Kanmalees, wantoota jiruufi jireenya ilma namaa keessatti nama mudatan kan akka hariiroo hawaasummaa ,abdii,obsa qabaachuu ni agarsiisa.

Description

Keywords

Citation