Xiinxala Barreeffama Xalayaalee Hojii Waajjiraalee Mootummaa: Haala Aanaa Gawoo Qeebbee

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu'eel (PhD)
dc.contributor.authorAyyaanaa, Tolaa
dc.date.accessioned2020-11-20T09:24:06Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:07Z
dc.date.available2020-11-20T09:24:06Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:07Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kun xiinxala barreeffama xalayaalee waajjiraalee mootummaa Aanaa Gawoo Qeebbee irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon qorannoo kanaa xalayaalee hojii waajjiraalee mootummaa Aanaa Gawoo Qeebbee xiinxaluudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan ga'uufis meeshaaleen funaansa ragaalee sadii: sakatta'a dookumantii, bargaaffiifi afgaaffiitti dhimma ba'ameera. Haaluma kanaan, xalayaaleen hojii waajjiraalee mootummaa keessatti argaman suuraan isaanii kaafamuun kan fudhataman yoo ta'u, qaamota dhimmi ilaallaturraa, bargaaffiifi afgaaffii caaseffamaa qopheessuun ragaan walitti qabameera. Ragaaleen walitti qabamanis mala makaa (akkamtaafi ammamtaa)n akkaataa walitti dhufeenya isaaniitiin walitti dabalamuun xiinxalamuun hiikni itti kennameera. Haaluma kanaan, cuunfaa ragaalee argame kanarraa argannoon qoratichi adda baase xalayaalee waajjiraalee mootummaa keessa hanqinoonni hedduun jiraachuudha. Akaakuuwwan hanqinaalee kunneen, hanqina ulaagaa xalayaan hojii ittiin barraa'u wal'aaluu, barreeffama xalayaa keessatti fayyadama afaanii wal'aaluufi hanqina qulqullina barreeffamaafaa akka ta'e sakatta'a dookumantiirraa adda ba'eera. Madda hanqina xalayaalee ilaalchisee, ariitiin barreessuu, akka waan beekaniitti tuffatanii ilaaluu, barnoota sadarkaa adda addaatti kennaman haalaan barachuu dhabuu, xiyyeeffannoon ilaaluu dhabuu, ga'umsa barreessuu dhabuu, qaamni ogummaa xalayaalee kana gulaalu dhibuu, sirreeffamniifi leenjiin dhimma xalayaa barreessuu irratti kennamuu dhabuu ta'uun isaa adda baafameera. Tooftaaleen hanqina kanneen ittiin maqsuuf oolan, xiyyeeffannoon barreessuu, suuta itti yaadaa barreessuu, ergaa xalayaafi dubbiftoota isaa xiyyeeffannoo keessa galchuun barreessuu, irradeebi'uun waliif gulaaluufi nama ga'umsa barreessuu qabu gulaalchisuu, kitaabilee waa'ee barreessuu barsiisan dubbisuu, afaanicha akka waan beekaniitti tuffachuu dhiisuu, leenjiin dhimma xalayaa barreessuu irratti kennamuufi qaamni hanqina uumame sirreessuufi deggersa kennu jiraachuu akka ta'e kallattiin furmaataa agarsiifamee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23429
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Barreeffama Xalayaalee Hojii Waajjiraalee Mootummaa: Haala Aanaa Gawoo Qeebbeeen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Tolaa Ayyaanaa.pdf
Size:
2.22 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: