Qaaccessa Qubeessuu Barreeffamoota Xalayaalee Hojii Waajjira Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee

dc.contributor.advisorAmaanu`eel Alamaayyoo (PhD)
dc.contributor.authorBokoree Gaarummaa Jootee
dc.date.accessioned2024-02-19T12:38:19Z
dc.date.available2024-02-19T12:38:19Z
dc.date.issued2021-11
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa xalayaalee hojii waajjiraalee mootummaa bulchiinsa magaalaa shaashamannee keessatti Afaan Oromootiin barreeffamanii jiran Qaaccessuu yoo ta’u qorannoo gaggeessuuf wanti naa kakaase erga hojii mootummaatti qacaramee eegalee xalayaalee bahii ta’an waajjiroota mootummaa keessaa bahan hanqinaalee qubeessuu heddu qabaachuun isaa fi ergaa darbuu qabu dabarsuu dhiisuun, bal’inaan jiraachuu isaa waan hubadheef mataduree kana filadhe. Qorannoon kunis kan adeemsifame gosa qorannoo akkamtaafi ammamtaa (makaa) gargaarameeti. Sababni malli kun filatameef, odeeffannoon walitti qabaman mala lakkoofsaafi ibsaan hiikuun waan barbaachiseefiidha qorannoo kana adeemsisuuf, Afgaaffii, sakatta’a xalayaalee fi bargaaffiitti fayyadamuudhan. Iddattoo qorannoo kanaa xalayaalee bara 2011 keessa bahii ta’aniifi hojjettoota waajjira qorannoon kun irratti addeemsifame keessa hojjetanidha. Tooftaalee iddatteessuu jiran keessaa waajjiraalee filachuuf mala mit-carraa fayyadamuun iddatteessuu gaggeessee jira. Dangaan qorannichaa immoo qaaccessa qubeessuu barreeffamoota xalayaalee hojii waajjira bulchiinsa magaalaa shaashamannee keessatti argaman irratti xiyyeeffata. Fayidaan isaa Ergaan karaa barreeffamaa darbu gochuu akka hin gufanne taasisa. Qaama qorannoo kana fakkaatu hojjechuu fedhuuf daandii kan itti agarsiisu ta’a. Gama argannoo qorannichaan immoo waajjiraalee mootummaa keessatti xalayaaleen barreeffamanii bahan irra caalaa hanqina qubeessuuf akka saaxilaman kan taasise: soofti koppii/soft copy/fayyadamuu, yeroo xalayaa barreessan akka dubbisaniif walitti kennachuu dhabuu, yeruma baratan Afaan Oromootif xiyyyeeffannoo kennuu dhabuu, leenjii hojiirraa dhabuu,muuxannoo barreessuu fi waanuma barreessi jedhaman qofa barreessuun rakkoo qubeessuu barreeffamoota xalayaalee ta’uu isaa bira gahameera.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1865
dc.language.isoen_US
dc.publisherAddis Ababa University
dc.subjectXalayaalee Hojii Waajjiraalee Mootummaa Bulchiinsa
dc.titleQaaccessa Qubeessuu Barreeffamoota Xalayaalee Hojii Waajjira Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Bokoree Gaarummaa Jootee.pdf
Size:
1.65 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: