Qaaccessa Qubeessuu Barreeffamoota Xalayaalee Hojii Waajjira Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa xalayaalee hojii waajjiraalee mootummaa bulchiinsa magaalaa shaashamannee keessatti Afaan Oromootiin barreeffamanii jiran Qaaccessuu yoo ta’u qorannoo gaggeessuuf wanti naa kakaase erga hojii mootummaatti qacaramee eegalee xalayaalee bahii ta’an waajjiroota mootummaa keessaa bahan hanqinaalee qubeessuu heddu qabaachuun isaa fi ergaa darbuu qabu dabarsuu dhiisuun, bal’inaan jiraachuu isaa waan hubadheef mataduree kana filadhe. Qorannoon kunis kan adeemsifame gosa qorannoo akkamtaafi ammamtaa (makaa) gargaarameeti. Sababni malli kun filatameef, odeeffannoon walitti qabaman mala lakkoofsaafi ibsaan hiikuun waan barbaachiseefiidha qorannoo kana adeemsisuuf, Afgaaffii, sakatta’a xalayaalee fi bargaaffiitti fayyadamuudhan. Iddattoo qorannoo kanaa xalayaalee bara 2011 keessa bahii ta’aniifi hojjettoota waajjira qorannoon kun irratti addeemsifame keessa hojjetanidha. Tooftaalee iddatteessuu jiran keessaa waajjiraalee filachuuf mala mit-carraa fayyadamuun iddatteessuu gaggeessee jira. Dangaan qorannichaa immoo qaaccessa qubeessuu barreeffamoota xalayaalee hojii waajjira bulchiinsa magaalaa shaashamannee keessatti argaman irratti xiyyeeffata. Fayidaan isaa Ergaan karaa barreeffamaa darbu gochuu akka hin gufanne taasisa. Qaama qorannoo kana fakkaatu hojjechuu fedhuuf daandii kan itti agarsiisu ta’a. Gama argannoo qorannichaan immoo waajjiraalee mootummaa keessatti xalayaaleen barreeffamanii bahan irra caalaa hanqina qubeessuuf akka saaxilaman kan taasise: soofti koppii/soft copy/fayyadamuu, yeroo xalayaa barreessan akka dubbisaniif walitti kennachuu dhabuu, yeruma baratan Afaan Oromootif xiyyyeeffannoo kennuu dhabuu, leenjii hojiirraa dhabuu,muuxannoo barreessuu fi waanuma barreessi jedhaman qofa barreessuun rakkoo qubeessuu barreeffamoota xalayaalee ta’uu isaa bira gahameera.

Description

Keywords

Xalayaalee Hojii Waajjiraalee Mootummaa Bulchiinsa

Citation