Qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu

dc.contributor.advisorDassaalany, Dastaa (PhD)
dc.contributor.authorGammachuu, Dachaasaa
dc.date.accessioned2020-11-11T07:24:00Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:56Z
dc.date.available2020-11-11T07:24:00Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:56Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kun ‘qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Tiksaa Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu’ irratti xiyyeeffata. Kaayyon qorannichaas adeemsa sirna ayyaana Boorantichaa qaaccessuudha. Ka’umsi qorannoo kanaa ayyaanni Boorantichaa uummata Oromoo biratti dagatamaa waan dhufeef dhaloonni dhufu aadaafi safuu isaa akka hin daganne bu’uura kaa’ufi. Malli qorannichaa mala qulqullaa’inaa (akkamtaa) yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsaatti fayyadameera. Maloonni funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolan af-gaaffiifi daawwannaadha. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamee jira. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo kanaan argannoowwan bira ga’aman sirni kabaja ayyaana Boorantichaa waqtiilee Birraafi Arfaasaa kan raawwatuufi dhangaan Ayyaana Boorantichaa kanneen akka biddeena,nuugii daabboo, farsoo,daadhii,damma,fi foon kan qophaa’u ta’uu isaati. Yaboo qorannoo kanaatin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufi qabu akeekni ijoo ta’e kennameera. Kaayyoon qorannichaa immoo Adeemsa Sirna Ayyaana Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu Qaaccessuudha. Fakkoommiwwan sirnicha keessatti mul’atan akaakuuwwan fookloorii gurguddoo arfan kan bu’ureeffatan yommuu ta’u, isaanis afoola, duudhaa hawaasaa, meeshaa aadaa fi aartii duudha fa’i. Yaboon qorannichaa immoo kabajni duudhaa sirna Boorantichaa hawaasichaan jaalatamaa tahe kun dagatamaa waan jiruuf yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun bifa safuu hawaasaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbu kallattii qabsiisun akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira aadaafi turiizimii aanichaafi dammaqina hawaasa hundaa gaafata.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23155
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuuen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dachaasa Gammachu.pdf
Size:
1.69 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: