Qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun ‘qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Tiksaa Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu’ irratti xiyyeeffata. Kaayyon qorannichaas adeemsa sirna ayyaana Boorantichaa qaaccessuudha. Ka’umsi qorannoo kanaa ayyaanni Boorantichaa uummata Oromoo biratti dagatamaa waan dhufeef dhaloonni dhufu aadaafi safuu isaa akka hin daganne bu’uura kaa’ufi. Malli qorannichaa mala qulqullaa’inaa (akkamtaa) yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsaatti fayyadameera. Maloonni funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolan af-gaaffiifi daawwannaadha. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamee jira. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo kanaan argannoowwan bira ga’aman sirni kabaja ayyaana Boorantichaa waqtiilee Birraafi Arfaasaa kan raawwatuufi dhangaan Ayyaana Boorantichaa kanneen akka biddeena,nuugii daabboo, farsoo,daadhii,damma,fi foon kan qophaa’u ta’uu isaati. Yaboo qorannoo kanaatin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufi qabu akeekni ijoo ta’e kennameera. Kaayyoon qorannichaa immoo Adeemsa Sirna Ayyaana Boorantichaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu Qaaccessuudha. Fakkoommiwwan sirnicha keessatti mul’atan akaakuuwwan fookloorii gurguddoo arfan kan bu’ureeffatan yommuu ta’u, isaanis afoola, duudhaa hawaasaa, meeshaa aadaa fi aartii duudha fa’i. Yaboon qorannichaa immoo kabajni duudhaa sirna Boorantichaa hawaasichaan jaalatamaa tahe kun dagatamaa waan jiruuf yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun bifa safuu hawaasaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbu kallattii qabsiisun akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira aadaafi turiizimii aanichaafi dammaqina hawaasa hundaa gaafata.

Description

Keywords

Citation