Qaacceessa Adeemsa Sirna Raawwii Harma Hodhaa: Haala Qabatamaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam

No Thumbnail Available

Date

2022-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa “Qaaccessa Adeemsa Sirna Raawwii Harma Hodhaa” haala qabatamaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagama akkamiin akka geggeeffamu qaaccessuudha. Harma hodhaan adeemsa namni tokko maatii isaatiin ala nama biroo hawaasa keessaa nama jaalatee barbaadee haadhaafi abbaa godhachuun sirna raawwii harma hodhaa waliin raawwachuun jireenya waliin geggeessu jechuudha. Qorannoo kana geggeessuudhaaf wanti qorataa kana kakaase sirni raawwii harma hodhaa hawaasa Oromoo Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam biratti qoratamee barreeffaman waan hin jirreef bifa barreeffemaan dhaloota dhufuuf olkaawuudha. Xiyyeeffannoon qoranaa kanaas adeemsa sirna raawwii harma hodhaa, Gahee afoollii sirna raawwii harma hodhaa geggeessuu keessatti qabu, faayidaa harma hodhaa, fakkoommii wantootni sirna raawwii harma hodhaa keessatti raawwataman qaban akkasumas, sababoota jijjiiramaa/laafaa dhufuu sirna harma hodhaa xiinxaluudha. Odeeffattoonii qorannooo kana irratti hirmaatan jaarsolii, haadhotafi beektota aadaa aanaa Dagam keessa jiraatan keessaa mala iddatteessuu kaayyeeffataa fayyadamuun kanneen filatamaniidha. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti hojiirra oolee mala iddatteessuu miti-carraa kan ta‟e iddatteessuu akkaayyooti. Odkennitoota qorannoo kanaa kan ta‟an uummata Oromoo aanaa Dagam keessaa gandootaafi manguddoota filatamaniin sirna raawwii Harma hodhaa irratti namoota hirmaataniifi muuxannoo olaanaa qaban marii gareetiif namoota kudha shan (15)fi afgaaffiif nama kudha afur (14) waliigalaan namoota digdamii sagal (29) hirmaachisuun odeeffannoo qaacceeffameedha. Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, waraabbii sagalee, afgaaffii, marii garee akkasumas, daawwannaa waltajjii namtolchee qophaa‟e daawwachuun ragaaleen funaanaman jechaan qaacceeffamanii jiru. Ragaalee qaacceeffaman kanarraa argannoon biraga‟ame: maatiin sirna raawwii Harma hodhaa waliin geggeessaniifi firootni isaanii marti akka hidda dhalootatti wal lakkaawachuu, ulaagaaleen maatiin Harma hodhaman ittiin filataman jiraachuu, fakkoommiiwwan sirna raawwii Harma hodhaa geggeessuu keessatti mul‟atan: kan gochaan argaman, kan eebba keessatti argamaniifi kan geerarsa bifa afoolaan dhiyaatan keessatti argaman jiraachuu, faayidaan Harma hodhaa raawwachuu firummaa uumuu irra darbee rakkoo siyaas-dinagdee akkasumas, waldhabdee hawaasa gidduutti uumame furuu keessaatti gahee olaanaa qabaachuu, sirni raawwii Harma hodhaa sababootaa akka barnootaa ammayyaa, dhiibbaa amantii, godaansa adda addaa taasifamuun laafaa dhufuun isaa argameera. Argannoo qorannoo kana irra argameen sirna duudhaa harma hodhaafi adeemsa raawwii isaa bifa barreeffamaafi viidiyoon waraabamee dhaloota dhufuuf godaambaa keessa osoo kaawwamee dhaloota dhufuuf sirni aadichaa akka hin dagatamneef gargaara. Walumaa galatti, qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta‟a jedhamee kan kaawwame, jaarsoliin biyyaa, itti gaafatamtoonni aadaafi turizimiifi namoonni dhimma kana irratti qorannoo geggeessan hundi aadaa sirna raawwii harma hodhaa keessatti sirnoonni jiraniifi adeemsi sirna raawwii isaa xiyyeeffannoon itti laatamuun bifa waraabbitiin osoo kaa‟amee gaariidha

Description

Keywords

Harma Hodhaa

Citation