Qaacceessa Hariiroo Nyaanni Aadaa Sirnoota Wajjin Qabu: Haala Aanaa Horrootti

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa, Hariiroo nyaanni aadaa Godina Horroo Guduruu Wallagaa Aanaa Horrroo Sirnoota Wajjin Qaban, qaaccessuudha. Haaluma kanaan, akkaataa qophii nyaata aadaa, hariiroo nyaanni aadaa sirnoota waliin qabu, faayidaa nyaanni aadaa dhala namaatiif qabu, faaruuwwaaniifi eebba yeroo sirni tokko gaggeeffamu jedhamu as keessatti ilaaluu ta’a. Qorannoon kun yommu gaggeeffamu, ija yaaxina aadaafi ija yaaxina aadaa bu’uureffate (folk cultural and cross cultural) kanneen jedhamaniin ilaalame. Malli qorannoon kun itti gaggeeffame mala qulqullinaa (qualitative) yoo ta’u, toftaaleen iddatteessuu qorannichaammoo iddatteessuu akkayyooti. Maloonni funaansa ragaalee hojiirra oolan daawwannaafi af-gaaffiidha. Nyaanni aadaa sirna tokko keessatti barbaadamu sirna biroo keessatti hinbarbaadamu ta’a. Nyaanni erga hojjetamee yeroo dheeraaf turuu danda’u akkuma jiru, nyaanni hojjetamee yeroo gabaabaa keessatti hinnyaatamiin yoo hafe, akka baduu danda’us bira ga’ameera. Nyaanni aadaa kan qopheeffamu sirna tokko ykn ayyaana tokko sababeeffachuun malee, callisee hinqopheeffamu. Nyaanni aadaa hedduun isaa yeroo qopheeffamu, dhadhaan biraa kan hinhafne ta’uu qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’uu danda’a kan jedhame qoratichaan kaahameera. Kunis, nyaanni aadaa uummata Oromoo biratti beekamoon hedduutu jiru..

Description

Keywords

Citation