Xiinxala Fayyadama Afaanii Da’umsa Irratti: Haala Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sadii Canqaa

dc.contributor.advisorBarkeessaa, Addunyaa (PhD)
dc.contributor.authorBayyanaa, Garramuu
dc.date.accessioned2020-11-11T07:59:48Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:57Z
dc.date.available2020-11-11T07:59:48Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:57Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractMata dureen qorannoo kanaa, “Xiinxala fayyadama afaanii da’umsarratti haala Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sadii Canqaa”kan jedhu yemmuu ta’u, kaayyoon qorannoo kanaa immoo fayyadama afaanii da’umsarratti Godina Qeellam Waallaggaa Aanaa Sadii Canqaa keessatti dhimma itti ba’amaa jiru xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaarraa mala akkamtaatti gargaaramuun ragaan funaanamee jira. Iddattoo akka kaayyootti fayyadamuun jaartolii, jaarsoliifi namoota umurii giddu-galeessaa ta’an filachuun ragaa kennuu keessatti hirmaachisamanii jiru. Kanarraa daawwannaa, afgaaffii hincaaseffamneefi marii garee xiyyeeffannoottiin ragaaleen funaanamee jira. Qorannoo kana gaggeessuuf kan nakakaase muuxannoo ani akkaataa namoonni Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sadii Canqaa yeroo dubartiin deessu afaanitti fayyadamanidha. Qorannichis, yaaxxina tajaajilaa,yaaxxina xinqooqa hawaasaa,yaaxxina duudhaafi yaaxxina dhugummaa kan bu’uureffatee gageeffamedha.Haaluma kanaan,qorannoon gaggeeffame kunis, namoonni qabiyyee fayyadama afaanii da’umsa dura, yeroo da’umsaa, da’umsa boodafi eenyummaa deessuu ijaaruu keessatti fayyadama afaanii isaan itti gargaaraman achi keessatti itti fayyadaman duraaduubaan qaacceffameera. Argannoon qorannoo kanaa akka agarsiisutti, yeroo ammaa kana fayyadama afaanii da’umsarratti itti gargaaraman namoota umurii giddu-galeessaa biratti dagatamaa kan dhufeefi aadaafi amantaan akka waan waldhiibuutti fudhachuun ammo ilaalcha hawaasichaa yemmuu ta’u, qorattoonni seenaafi aadaa akkasumas,qaamoleen dhimmi isaa ilaallattu sirna barnoottaa keessatti dabalamuun akka barsiifamu osoo godhan kan jedhu immoo yaboo qorannichaati.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23164
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Fayyadama Afaanii Da’umsa Irratti: Haala Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sadii Canqaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Garramuu Bayyanaa.pdf
Size:
1.28 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: