Qaaccessa Afoola Jila Sirna Gadaa Odaa Buluq Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo

dc.contributor.advisorNagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
dc.contributor.authorWaaqwayyaa, Olaanii
dc.date.accessioned2019-04-22T06:31:49Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:47Z
dc.date.available2019-04-22T06:31:49Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:47Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractSeenaan qorannoo afoolaa jilawwan adda addaa biyya keenyaa keessatti raawwii yeroo as dhiyyooti. Haata’u malee, ammayyuu qorannoon kallattii garaagaraan irratti akka gaggeeffamuu qabu wal nama hin gaafachiisu. Haaluma kanaan, qorannoon kun afoola jila Sirna Gadaa Odaa Bulluq Go/Ho/Gu/Wallaggaa Aanaa Horroo qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Itti dabaluun, kaayyoon qorannoo kanaa warri ijoon, faayidaa afoolawwan jila sirna Gadaa keessatti qabu: hawaasummaa agarsiisuu, gootummaa agarsiisuu, qabeenya faarfachuu, safuu eeguufi al tokko tokkommoo cabsuun illee jiraachuu, waaqa jajachuufi siyaasa itti hammaate ittiin qeequuf akka gargaaru qaacceffamuura. Akkasumas, akaakuuwwan afwalaloo jila kana irratti hojii irra oolan kanneen akka faaruu, geerarsa, sirba, eebba, abaarsaafi kkf ta’uun isaanii ibsameera. Afoolawwan jila sirna Gadaa kunis, yoomessa keessatti raawwatan qabu. Isaanis, yeroo abbootiin Gadaa aangoo wal harkaa fuudhan, yeroo malkaa bu’uan, yeroo buttaan qalamu, yeroo eebbisanfi kkf ta’uun qorannicha keessatti ibsamaniiru. Kana malees, waantota itti fufiinsa afoola jila Sirna Gadaa gufachiisaa turan: dhiibbaa gama siyaasaa, amantiifi sababa ammayyummaatiin walqabatani himuu irratti namoota odeeffannoo waa’ee isaanii beekan 20 irraa qoratichi ragaalee walitti qabachuu danda’eera. Odeeffannooleen argaman mala qulqullaa’inaa itti gargaaramuun iddattoolee filataman irraa yaadannoo dhuunfaafi suur sagaleen qabachuun qaacceffamaniiru. Haaluma kanaan, afoolawwan funaanaman kun tajaajila isaan qabaniifi akkamiin akka hojii irra oolan akaakuu akaakuun qoqqooduun ilaalamaniiru. Kana malees, afoolawwan kanneen hawaasniifi gogeessonni Gadaa sadarkaa garaa garaa irra jiran jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti akka itti gargaaramanis qorannoo kana keessatti qaacceffameera. Qorannoo kana keessatti, afoolawwan kunneen jilawwan sirna Gadaa keessatti akkamii, eenyuun, yoom, eessattii fi faayidaa maaliif akka oolan qorannoo kana keessatti qaacceffameera. Afoolli eenyummaa, siyaasa, aadaa, hawaasummaafi kkf, calaqqisiisuu irratti gahee guddaa akka qabu addeeffameera. Bu’uuruma kanaan, afoolaawwan kunneen, gara fuula duraatti kana caalaa ciminaan akka tajaajilan gochuuf nama dhuunfaa irraa kaasee hanga dhaabbiilee adda addaa dhimmi isaa isaan ilaallatuutti qorannoo garaa garaa gaggeessuun badii irraa oolchuun dirqama isaanii bahuu qabu. Akkasumas, waajjiraaleen akka Aadaafi Turizimii aanichaa qorannoo kana ka’umsa godhachuun dhimma afoola jilawwan sirna Gadaa kanarratti otoo qorannoo gaggeessani afoola kana deebisanii cimsuu ni danda’u jedhameeti amanama. Egaa ganna darbeef manni hin ijaaramu, akkuma jedhamu maaliif afoola jila sirna Gadaa kanarratti hin gaggeeffamne jennee wal komachuu dhiifnee ammumarraa eegallee kallattii garaagaraan qorannoo irratti haa gaggeessinu!en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18091
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Afoola Jila Sirna Gadaa Odaa Buluq Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrooen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Olanii Waqway.pdf
Size:
837.53 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: