Qaaccessa Afoola Jila Sirna Gadaa Odaa Buluq Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Seenaan qorannoo afoolaa jilawwan adda addaa biyya keenyaa keessatti raawwii yeroo as
dhiyyooti. Haata’u malee, ammayyuu qorannoon kallattii garaagaraan irratti akka
gaggeeffamuu qabu wal nama hin gaafachiisu. Haaluma kanaan, qorannoon kun afoola jila
Sirna Gadaa Odaa Bulluq Go/Ho/Gu/Wallaggaa Aanaa Horroo qaaccessuu irratti kan
xiyyeeffatedha. Itti dabaluun, kaayyoon qorannoo kanaa warri ijoon, faayidaa afoolawwan jila
sirna Gadaa keessatti qabu: hawaasummaa agarsiisuu, gootummaa agarsiisuu, qabeenya
faarfachuu, safuu eeguufi al tokko tokkommoo cabsuun illee jiraachuu, waaqa jajachuufi siyaasa
itti hammaate ittiin qeequuf akka gargaaru qaacceffamuura. Akkasumas, akaakuuwwan afwalaloo
jila kana irratti hojii irra oolan kanneen akka faaruu, geerarsa, sirba, eebba,
abaarsaafi kkf ta’uun isaanii ibsameera. Afoolawwan jila sirna Gadaa kunis, yoomessa keessatti
raawwatan qabu. Isaanis, yeroo abbootiin Gadaa aangoo wal harkaa fuudhan, yeroo malkaa
bu’uan, yeroo buttaan qalamu, yeroo eebbisanfi kkf ta’uun qorannicha keessatti ibsamaniiru.
Kana malees, waantota itti fufiinsa afoola jila Sirna Gadaa gufachiisaa turan: dhiibbaa gama
siyaasaa, amantiifi sababa ammayyummaatiin walqabatani himuu irratti namoota odeeffannoo
waa’ee isaanii beekan 20 irraa qoratichi ragaalee walitti qabachuu danda’eera.
Odeeffannooleen argaman mala qulqullaa’inaa itti gargaaramuun iddattoolee filataman irraa
yaadannoo dhuunfaafi suur sagaleen qabachuun qaacceffamaniiru. Haaluma kanaan,
afoolawwan funaanaman kun tajaajila isaan qabaniifi akkamiin akka hojii irra oolan akaakuu
akaakuun qoqqooduun ilaalamaniiru. Kana malees, afoolawwan kanneen hawaasniifi
gogeessonni Gadaa sadarkaa garaa garaa irra jiran jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti
akka itti gargaaramanis qorannoo kana keessatti qaacceffameera. Qorannoo kana keessatti,
afoolawwan kunneen jilawwan sirna Gadaa keessatti akkamii, eenyuun, yoom, eessattii fi
faayidaa maaliif akka oolan qorannoo kana keessatti qaacceffameera. Afoolli eenyummaa,
siyaasa, aadaa, hawaasummaafi kkf, calaqqisiisuu irratti gahee guddaa akka qabu
addeeffameera. Bu’uuruma kanaan, afoolaawwan kunneen, gara fuula duraatti kana caalaa
ciminaan akka tajaajilan gochuuf nama dhuunfaa irraa kaasee hanga dhaabbiilee adda addaa
dhimmi isaa isaan ilaallatuutti qorannoo garaa garaa gaggeessuun badii irraa oolchuun
dirqama isaanii bahuu qabu. Akkasumas, waajjiraaleen akka Aadaafi Turizimii aanichaa
qorannoo kana ka’umsa godhachuun dhimma afoola jilawwan sirna Gadaa kanarratti otoo
qorannoo gaggeessani afoola kana deebisanii cimsuu ni danda’u jedhameeti amanama. Egaa
ganna darbeef manni hin ijaaramu, akkuma jedhamu maaliif afoola jila sirna Gadaa kanarratti
hin gaggeeffamne jennee wal komachuu dhiifnee ammumarraa eegallee kallattii garaagaraan
qorannoo irratti haa gaggeessinu!