Qaaccessa Itti Fayyadama Afaanii Sirna Harma Hodhaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Mata-dureen qorannoo “Qcceessa Itti fayyadama Afaanii Sirna Harma Hodhaa Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu “jedhu keessatti adeemsi sirnichaa maal akka fakkaatuufi
raawwii sirna sanaa qacceessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uufis mala qorannoo
akkamtaatti dhimma bahee jira.Mala funaansa odeeffannoo ilaalchise, afgaaffii hin
caaffefamneefi marii garee xiyyeeffatamaa yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan
qaacceeffamanii jiru. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti kan hojirra oolee jiru mala
iddatteessuu mit-carraa kan ta‟e iddatteessuu akkaayooti. Mala kanatti fayyadamuun
odkennitoota qorannoo kanaa kan ta‟an uummata Oromoo Aanaa Amuruu Gandoota digdamiiafur
jiran keessaa Gandoota kudha-lama keessaa maanguddoota Sirna raawwii harma hodhaa
irratti muuxannoo olaanaa qaban keessaa namoota kudha-lama marii gareerratti hirmaachuun
,kanneen harma hoosisan sadiifi kanneen harma hodhan sadii, jaarsolii biyyaa dhimmicha
beekan sadii waliigala namoota digdamii-tokko kan ta‟a irraadha.
Ragaalee qaacceffaman kanarraa argannoon bira ga‟ame namoota harma hoosisan hunda
keessa darbuun ergaa sirnicha keessa jiru qooda fudhachuu kan fudhatanidha. Haaluma kanaan
yaaxxina ittiin gaggeeffames yaaxxina Xiinqooqa /socilinguitic/ yaaxina duudhaa hawaasaafi
xiinqooqa sirnawaa (systematic functional Linguistics) dha. Sababiin isaa yaaxxina kana itti
fayyadame afaan kan itti gargaaramnu bakka, yeroofi haala keessaa jiru irratti hundaa‟e waan
ta‟eef. Akkasumas argannoon argames amantaatti dawachuu, dhalonni si‟anaa ammayyummaan
liqiffamanii aadaa dagachuudha. Kanaafuu maanguddoonni Oromoo qorattoonni aadaafi
seenaa, dargaggoonni Oromoo, abbootiin amantaa, akkasumas, itti gaafatamummaa,
eenyummaafi lamummaa kan qabu hundi waliin ta‟uun aadaan kun dhaloota dhufuutti akka
darbu gochuun barbaachisaadha kan jedhu argannoo qoranno kanaati.
Description
Keywords
Oromo Language