Agarii Tulluu: Sirba Salaalee Keessatti (Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam)

No Thumbnail Available

Date

2021-10

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa ija ilaalcha oromootiin sirboota goota oromoo Agarii Tuluufi maatii isaatif sirbaman qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessufis malleen qorqnnoo garaagaraa gargaarameera. madda odeeffannoo ilaalchisee madda odeeffaannoo tokkoffaafi lammaffaati. malli iddatteessuu immoo akkayyoofi darbaa dabarsaatti fayyadamee jira. meeshaaleen funaansa ragaalee immo afagaaffii fi marii gareetti fayyadamuun odeeffannoo funaanname mala qaacceessa ragaalee keessaa mala akkamtaatin/qualitative/ ragaleen qaacceffamanii jiru. Akkasumas barruulee mata duree qo‟annoo kanaan wal qabatan sakatta‟uun akka raga lammaffatti odeeffannoon funaannamanii jiru. Qorannoon kuni Yaaxxina ilaalchaa /ideological theory/ jedhamu bu‟uureeffachuu kan gaggeeffameedha. Yaaxxina ilaalchaa kana immoo haala lamaan bu‟uureeffata. TokkoffaaYaaxxina yaadaa akka addunyaattifi naannoo qorannoon kun itti gaggeeffamu giddugaleeffachuuni. Argannoowwan qorannoo kanaas, gootichi Agarii Tulluu obbolotaa isaa wajjiin uummata isaa garbummaa sirna nafxanyaa jalaa baasuuf jedhee akka qabsoo jalqabe, uummanni oromoo salaalee immoo iddoo dhokannaa gooticha kanaa ta‟aa turuu isaanii sirbaan, geerrarsaan, dhadannaadhan deeggaraa akka turanifi dhaloonni ammaa jiran dhaloota yeroo sanii caalaa afoolawwan kanatti fayadamaa akka jiran qorannoo kanaan bira ga‟amee jira. yaboon qorannoo kanaa inni guddaan aanota godina shawaa kaabaa keessa aanaan dagam iddoo dhaloota goota Agarii Tulluu waan taateef qaamni dhimmi kun ilaallatu kamuu afwalaloo sirboota Agariifi maatii isaatif sirbaman irratti qorannoo gaggeessuudhan funaanee qindeessee akka ragaa tokkootti osoo kaa‟ee, dhaloonni dhufu wanta baay‟ee irraa argachuu danda‟a. kana malees barsiisonnis ta‟ee qaamni barate kamuu afwalaloowwan sirboota goototaaf sirbaman qoratanii bifa kitaabaan yookin barruuleen osoo kaa‟anii akkasumas sirboonni kunneen sirna bornootaa keessatti hammatamanii barattootaf osoo qophaa‟anii dhaloonni waan baay‟ee irraa barachuu danda‟a.

Description

Keywords

sirboota goota oromoo Agarii Tuluufi

Citation