Qaaccessa Unkaafi Fakkoommii Hiibboo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo

dc.contributor.advisorFufaa, Tolamaariyaam (PhD)
dc.contributor.authorKabbadaa, Lammaa
dc.date.accessioned2019-04-19T08:57:08Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:47Z
dc.date.available2019-04-19T08:57:08Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:47Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractQorannoon kun afoola Oromoo, hiibboo irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannichaas Unkaafi Fakkoommii Hiibboo Qaacceessuu kan jedhu yoo ta’u, bakki itti gaggeeffames Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisooti. Malli qorannoon kun ittiin gaggeeffames akkamtaa yoo ta’u, mala iddattoo mitcarraatu hojiirra oole. Gama meeshaalee ilaalchisee immoo meeshaaleen ragaaleen ittiin funaanaman afgaaffii, daawwannaa, waraabbiifi sakattaa dokumantiiti. Gaaffillee afgaaffiitti gargaaramuun manguddoota aanichaa keessaa warra afoola irratti beekumsa qaban irraa ragaan haala gaariin funaanameera. Mala sakattaa dokumantiittis gargaaramuun hiibbooleen Waajjirri Aadaafi Turizimii amma tokko walitti qabe sakatta’amaniiru. Barsiisota aanicha keessatti Afaan Oromoo barsiisaniifi afoolicha irratti muuxannoofi beekumsa gabbataa qaban afgaaffiidhaan odeeffannoon irraa funaanameera. Ijoolleen yeroo hiibboo taphatan daawwachuufi waraabuun ragaan qabatamaan akka walitti qabamu ta’eera. Ragaan akkaataa kanaan walitti qabames gadi fageenyaan kan qaacceffame yoo ta’u, achi irraayyis argannoon argameera. Akka argannoon argame mul’isutti, taphni hiibboo yeroo ammaa kana laafaa dhufuufi sirumaa sadarkaa irraanfatamuutti deemaa kan jiru ta’uu isaati. Kanuma wajjin wal qabatee ijoolleen seera hiibboon itti taphatamu kan hinbeekne ta’uufi qabiyyeewwan hiibboo keessa jiran kan akka unkaa, caasaafi fakkoommii faa waanti beekan hinjiru. Kanaafis sababa kan ta’e warri ijoollee isaanii hiibboo kan hinshaaklchiifne ta’uudha. Kanaafis yaboon taa’e, maatiin ijoollee isaanii hiibboo shaakalchiisaa guddisuu qabu. Waajjirri aadaafi turizimiifi qaamni dhimmichi ilaallatu marti afoolli kun akka hinbanne cimee hojjachuu qaba kan jedhu yaboo argannoo kanaati.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18074
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Unkaafi Fakkoommii Hiibboo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisooen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Lammaa Kabbadaa.pdf
Size:
985.09 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: