Xiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Geerarsa Oromoo Maccaa: Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojji Dirmajii

dc.contributor.advisorJaallataa, Taaddasee (PhD)
dc.contributor.authorAagaa, Dammituu
dc.date.accessioned2020-11-11T07:27:11Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:59Z
dc.date.available2020-11-11T07:27:11Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:59Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon tokko yeroo gaggeeffamu kayyoo mataasa qaba.Kaayyoon qorannoo kanaas xiinxala qabiyyee af-walaloo geerarsa Oromoo Maccaa irratti xiyyeeffata. Barruuleen qorannoo kana faana walittii dhufeenyaa qabaniis sakatta’amaniiru.ka’umsi qorannichaa af-walaloon geerarsaa ilaalcha amantiifi qaroomina ammayyummaan haphachaa dhufuufi af-walaloon geerarsaa barreeffamaan dhabamuu isaati. Kanaaf rakkoon gama kanaan jiran attamitti hafuu kan jedhutu ishee kakaase. Qorannoon tokkos mala ittiin adeemsifamu qaba. Malli qorannoo kun ittiin adeemsifames mala akkamtaati. Gosni qorannoo kanaas qulqulleeffataa yoo ta’u iddattoon itti dhimma bahames idattoo akkayyooti. Maddi odeeffannoo qorannichaas warreen odeeffannoo laatan maanguddoota af-walaoo geerarsaa irrattim uuxannoofi beekumsa qaban aanaa Boojji Dirmajii keessa jiraataniidha.Meeshaalee funaansa ragaa qorattuun itti fayyadamtees a-fgaaffii, marii gareetiifi daawwnnaadha. Ragaalee xiinxalaman kanneen bu’uureffachuun argannoowwan armaan gadii qorannoo kanaan bira ga’ameera .Isaanis,Geerarsi afoola afaaniin (sagaleen) ibsamuufi gochaanis raawwatu ta’ee,aadaa Oromoo keessatti dur geerarsa kan geeraru dhiira qofa akka ture qorannoo kanaan mirkanaa’eera; Geerarsi caasaa ittiin dhiyaatu seensa,qabiyyee ibsuufi golaaba akka qabu hubatameera. Geerarsi waltajjiilee miir-gammachuu ibsan irratti kan dhiyaatu ta’uu ; afoolli kun beekumsa hawaasaaf ijaarsa hawaassummaaf,xiinsammuu hawaasaaf, aadaa hawaasichaallee ijaaruuf akka faayidaa qabu bira ga’ameera.; Geerarsi Oromoo hurrubummaa isaatiin kan qoomniitti dhiyaatuufi kan jamaa keessatti dhiyaatutti akka qoodamu Qorannoo kanaan hubatameera; Hiikawwanni wantoonni ittiin dhiyaatus haala sadoommii(dubbii qoolaa ),fakkoommiin aadaa keessatti qabaatuun kan himamu ta’uu mirkanaa’eera Dhayinoon walaloo geerarsa Oromoo Maccaa hundi birsaga torba-torba of keessaa qabaachuu bira ga’ameera;Argannoowwan bu’uura godhachuun yaboon armaan gadii qorattuu kanaan kennamaniiru.Qorattoonni garaagaraa qabiyyee af-walaloo geerarsaa karaa garaagaraatiin irratti hojjechuun barreeffamaan osoo dhiheessanii bu,aan barbaadame ni argama; Yoo ammatti ilaalcha afoolarra jiru sirreessuun dadhabamellee adeemsaan akka dhimma ofiitti fudhachuun fooyyessaa deemuun barbaachisaadha.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23156
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Geerarsa Oromoo Maccaa: Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojji Dirmajiien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dammituu Aagaa.pdf
Size:
1.25 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: