Xiinxalamoggaasaa Fi Af Seenaawwan Teessuma Lafa Aanaa Sabbataa Hawaas Irratt Kan Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala mogaasaafi af seenaawwan teessuma lafa aanaa sabbataa hawaas akkamiin akka gaggeeffamuu qaacceessuu dha. Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas maalummaa maqaa, moggaasa maqaa, faayidaafi bu‟uura moggaasaa,Iddoowwan sirnaa, akkasumas dhibbaa sirnoota darbaniinirra gahe hubachuu dha. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf mallii qu‟attuun itti gargaaramte mala akkamtaa ti. Mala kanaan odeeffannoo madda raga duraafi madda raga lammaffaarraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin wal simsiisun itti gargaaramteetti. Moggaasnii maqaa kun maal irratti hundaa‟un akka moggaafame manguddootaa fi beektootarraa gaafachuun ibsameera. Akkasumas qabiyyeen gurguddoo qo‟attuun irratti hundoofte maalummaa maqaa, maalummaa moggaasa maqaafi af seena maqaa, bu‟uura moggaasa maqaa iddoowwanii,moggaasa maqaa kana keessatti eenyuu fa‟aa akka qooda qaban, bu‟uura moggaasa maqaa dhibbaa sirnoota darbaniifi bu‟uura moggaasa maqaa iddoowwan haala qilleensa, teessuma lafaafi wantoota naannoo sanatti baay‟naan argaman bu‟uura godhachuun moggaafamanifi iddoowwan sirnaa kan ibsu dha. Walumaa galatti Oromoon aanaa kanaa moggaasa maqaa lafa irra jiraatuu yeroo taasiifatu afoolaafi afaan isaati gargaarameeti.Afoollis afaanirra taa‟etu labata itti aanuutti ce‟a.Afaaniin waa‟ee Uummataa, waan Uummannii walliin qooddatu, aadaa, amantaa, siyaasa, diinagdee, guddina, qaromina, afaan, safuufi dudhaaof keessatti hammata.Afoolatti gargaaramuun wantii hin ibsamne hin jiru.Akkaataa jiruufi jireenya Uummata Oromoo yoo dubbannuu.Uummannii Oromoo afoola isaattiin quqaa, hawwii, yaadasaa ittin ibsataa tureera. Haata,u malee yeroo dhiyoo as moggaasnii maqaa lafa aanichaa durii fi ammaa maal fakkaata kan jedhuurratti hanga tokko ilaaluufi moggaasa maqaa iddoowwan kan durii wantoota irratti hundaa‟u maqaa namaa, gosaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baayyinaan argaman irratti hundaa‟uun moggaafatee kun hafuun yeroo ammaa maqaa kan biiroo moggaassun aadaa fi duudhaa moggaasa maqaa kan isaa dagate kan biroo dhaalaa jiraachuun isaa hubatameera. Kanaafuu maqaan dur moggaafamee sun uummatichaaf kuusaa beekumsa gadii fagoo, ibsiituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan jecha ykn gaalee ittiin waamuu sana biira ce‟ee deemu dha jechuun ni danda‟ama.

Description

Keywords

Citation