Qorannichis kitaabi filataman, qajeelcha barsiisotaafi silabasii afaanii sakkatta’uu, ibsuufi xiinxaluun kan dhiyaate.

dc.contributor.advisorDastaa Dassaaleny
dc.contributor.authorEebbisee Kifiluu
dc.date.accessioned2026-05-22T08:17:31Z
dc.date.available2026-05-22T08:17:31Z
dc.date.issued2025-08-10
dc.description.abstractKaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeen kitaaba kutaa 6ffaa keessatti hammataman hirmaannaa barattoota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa barataniif madaalawaa ta’uu isaa xiinxaluudha. Qorannichis kitaabi filataman, qajeelcha barsiisotaafi silabasii afaanii sakkatta’uu, ibsuufi xiinxaluun kan dhiyaate. Akka madda ragaatti sakattaan harshamee /galmee silabasii afaanii, kitaablee barattootaafi qajeelchota barsiisotaa irratti taasifameera. Maddi ragaalee qorannoo kanaa barsiisota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa barsiisaniifi qopheessitoota sirna barnoota olaanaa Afaan Oromooti. Meeshaaleen funaansa ragaaleef itti dhimma bahaman af-gaaffii, sakatta’a arshammeefi daawwannaati. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa dha. Malli qorannoon kun itti adeemsifame mala ibsaa yoo ta’u qabiyyeewwan boqonnaatti qooduun gabateewwan jala jalatti ibsa kennuun qaaccessi taasifameera. Kanamalees, mala iddattoo miti carraatti fayyadammuun qaabiyyeewwan kitaabota kutaa 6ffaa hangam barattoota kutaa 6ffaa barataniif hirmaachisaa akka ta’an gama dandettiiwwan afaaniin, gosoota dalagaaleetiin, seenduubeefi umrii barattootaa jiddugaleessa godhachuu akkasumas gama qabatamummaa qabaachuun xiinxalamaniiru. Haala kanaan kitaabileen filataman gama dandeettiiwwan afaanii, umriifi seenduubee barattootaa, qabatamummaa akkasumas dalagaaleen hawwatoo ta’uu isaaniirratti hanqinaalee kanneen akka dalagaalee barattoota shaakalchiisuu danda’an dhabuu, seenduubeefi umrii barattootaa giddugala godhachuu dhiisuufi qabatamummaa dhabuu yookiin nuuffisiisaafi barattoota hirmaachisuu argannoo qorannoo kanaa yoo ta’u, yaadni furmaataas ogeessonni barnoota afaaniifi qopheesitoonni sirna barnoota olaanoo waliin ta’uun qabiyyeewwan kitaabota kanneenii irratti xiyyeeffannoon akka dalagan yaada jedhu dha.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/8106
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.subjectXiinxala Qabiyyeewwan Dandeetti Fudhannaa Kitabaa Afaan Oromoo Kutaa 6ffaa
dc.titleQorannichis kitaabi filataman, qajeelcha barsiisotaafi silabasii afaanii sakkatta’uu, ibsuufi xiinxaluun kan dhiyaate.
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Ebise_Kiflu _2017_ETD.pdf
Size:
471.33 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: