Shaakala Madaallii Walitti Fufaa Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu: Haala Qabatama Kolleejjii Barsiisota Roobee

dc.contributor.advisorFufaa, Tolamaaryaam (PhD)
dc.contributor.authorSabbooqaa, Tolasaa
dc.date.accessioned2018-07-20T10:57:24Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:16Z
dc.date.available2018-07-20T10:57:24Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:16Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractXiyyeeffannaan qorannoo kanaa inni guddaan Kolleejjii Barsiisota Roobee keessatti Shaakalli Madaalliin walitti fufaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu irratti haala kamiin hojiirra akka oolaa jiru sakatta’uudha. Qorannoon kun mala qorannoo ibsaatti fayyadamuun kan gaggeeffameedha. Kunis mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa ofkeessatti kan qabateedha. Qorannoo kana qorataan wayta gaggeesu akaakuu iddatteessuu al-carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffame barsiisotaaf akkasumas, iddatteessuu carraa keessaa akaakuu iddatteessu carraa tasaa barattootaaf fayyadamuun raawwatame. Ragaan barsiisota jahaafi barattoota shantamii afur irraa walitti qabameen xiinxalamee jira. Ragaanleen kuneenis meeshaalee odeeffannoo funaanuuf gargaaran keessaa 'Likarti iskeelii' bargaafilee banaafi bargaafilee cufaa, marii gareefi sakatta'iinsa dookmantii fayyadamuun walitti qabamee jira. Ragaan bargaafilee cufaan waltti qabame mala qorannoo ammamtaan kan xiinxalame yoo ta'u, kunis dhibbeentaafi irra-deddeebii fayyadamuun ibsameera. Ragaan marii garee ammoo mala akkamtaatti fayyadamuun kan xiinxalamee yoo ta'u, yaada deebiistootaa wabeeffachuun ibsame. Kana malees, ragaan sakatta'insa dookmantiin walitti qabame akkamtaatti fayyadamuun xiinxalamee jira. Bu'aan qorannichaa akka agarsiisuttti, hojiirra olmaan shaakalli madaallii walitti fufaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu irratti tooftaalee daree barnoota Afaan Oromoo keessatti kennaman haala walfakkaataa ta'een miti. Sadarkaalee dandeettii barreessuu tokkoon tokkoon isaanii irratti haala walitti fufaa ta'een madaalliin hingaggeeffamu. Kana malees, barsiisotniifi barattootni madaallii walitti fufaa dandeettii barreessuu irratti ilaalcha gaarii ta'e hinqaban. Madaallii walitti fufaa dandeettii barreessuu kana hojirra oolchuuf rakkoowwan jiran keessa ammoo hanqinni yeroo, waytiin barsiisotatti baay'achuu, barsiisotni madaallii walitti fufaa hojiirra olchuuf fedhii dhabuu, qajeelfamni madaallii walitti fufaa kallattiin barnoota afaanii waliin walqabatu keessattuu madaallii walitti fufaa dandeettii barreessuu irratti dhabamuun isaan ijoo ta'aniidha. Dhuma irrattis, argannoowwan irratti hunda'uun haala shaakalli madaalliin walitti fufaan dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu hojiirra itti ooluu danda'u mijeessuuf yaboon qorataan kennamee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9561
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectShaakala Madaallii Walitti Fufaa Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuen_US
dc.titleShaakala Madaallii Walitti Fufaa Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu: Haala Qabatama Kolleejjii Barsiisota Roobeeen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Tolasaa Sabbooqaa.pdf
Size:
716.28 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: