Qaacceessa Fayyadama Afoolaa Asoosama Yoom Laataa Keessatti
No Thumbnail Available
Date
2020-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
AAU
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa Qaacceessa Akkaataa Fayyadama Afoola Asoosama ‘Yoom
Laataa’jedhu irratti xiyyeeffachuun qaacceessuu yoo ta’u qorattuun barreessitoonni
asoosama afoolaatti fayyadamanii barreessaa waan jiraniif akkaataan itti fayyadama
afoolaa asoosama keessaatti maal akka fakkaatu hubachuuf,kaayyoolee gosoota afoolaa
asoosama kana keessatti argaman adda baasuun fayidaa afoolli asoosama keessatti qabu
tarreessuu,qabiyyee afoolaa asoosama kana keessa jiru ibsuu,gosoota afoolaa asoosama
kana keessa jiranii adda baasuun qaacceessuu,asoosama kana keessaatti bal’inaan gosoota
afoolaa itti fayyadame adda baasuun eeruufi,akkaataa itti fayyadama afoolarratti asoosamni
kun qaburratti qorannoo gaggeessiteejirti.Qorannoon kunis,qorannoo bu’uuraa yoo ta’u
mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha.Odeeffannoo mala
sakata’iinsa kitaabatiin kan funaaname yoo ta’u, afooloota kitaabicha kana keessatti
argamanirratti kan gaggeeffameedha.Afooloonni funaanaman kunniin akkaatuma gosoota
isaaniitiin adda baasuun qabiyyeefi fayidaa asoosama kana keessaatti qaban bal’inaan
qaacceffamee jira.Dhumarratti, ragaaleeqaacceffaman irratti hundaahuun argannoo
qorannichaa:gosoonni afoola asoosamoota kana keessatti argamanis,mammaaksaa,geerarsa,
weedduu,faaruu,malleen Dubbii jiraachuun isaanii hubatameera.Afoolli asoosamicha kana
keessatti argaman; seenaa,aadaa,dudhaa,safuu,amantaa,falaasama uummanni Oromoo dur
qabu dhaloota haaraa hubachiisuuf sirnoota bulchiinsa darbanii ittiin hubachiisuuf kan itti
gargaarameedha.Afooloonni sirnoota kana dhaamsa asoosamichaaf bu’uura buusanii
jiru.Kana malees, waliin dubbii keessaatti barsiisuuf,dubbii jalqabuuf,dubbii gabaabsuuf
mi’eessuuf yookiin keessatti dhiyaatan kunis,yoomeessa agarsiisuudhaaf waldiddaafi
miidhaksuuf afoolotaatti fayyaadamaa turaniiru.Qabiyyeen afoolaa asoosamicha keessa
jiranis; mammaaksonni: soda, kutannoo, gowwummaa, gaabbiifi kkf kan agarsiisaniidha.
Geerarsoonni jiran; gootummaa, diddaa, gorsa, akeekachiisafi kkf yoo agarsiisan,
weedduwwan jiran ammo: gorsa, dhaadannoo, balaaleeffannaa cunqursaa, dhiibbaa jiruufi
kkf kan agarsiisan yoo ta’u, sirbi jirus,hacuuccaa kan agarsiisuudha. Akkasumas,
jechamoonniifi malleen dubbii asoosamicha keessatti argaman ergaa asoosamichaa karaa
dhokataaniis,ta’ee akkaatadhuma hawaasa keessatti beekamuun itti gargaaramuun ergichi
akka ifa ta’uutti darbuun isaa hubatameera.Dhumarrattis, afooloonni asoosamicha kana
keessatti argaman seenaa saba Oromoo bal’inaan kan dabarsuu ta’uusaa
hubatameera.Barreessitoonnis,afoolaatti bal’inaan itti fayyadamuun afoolli akka ergaa
dabarsuu danda’amu yaboo keessatti ibsamaniiru.
Description
Keywords
foolaa asoosama keessaatti maal akka fakkaatu hubachuuf