Qaaccessa Qabiyyee Mirriysaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun qaaccessa qabiyyee mirriysaa Godina Haragee Bahaa Aanaa Baddannoo irratti kan xiyeeffateedha.Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan mirriysa Oromoo Aanaa kanaa sababa adda addaan irraanfatamaa jiru walitti guuruun akkaataa qabiyyee isaaniin qoqqooduun, ergaa isaa qaaccessuudha.Kanaan dura mirriysaa aanaa Baddannoo ilaalchisee funaannamee qaacceffame hinjiru. Kanaaf qoratichi aanaa kanarratti xiyyeeffachuun kan qorannoo jalqabaa taasiseedha. Qorannoon kun kan gaggeeffame gandoota aanaa kana keessa jiran irraatti kan taasisameedha. Gandoonni kunniinis magaalaa Baddannoo, Hindheessa, Barakat, Illikkoo Gooba Haroo, Hincinnii, Tortora, Manguddoo Raamis, Mojofi Dirroota Raamis fa’adha.Malli qorataan qorannoo kanaaf dhimma itti bahe mala qulqulleeffataa yoo ta’u, maddi ragaalee beektota Oromoofi maanguddoota ceyaa Oromooti. Iddattoon qorannichaa iddattoo miti carraa keessaa iddattoo darbaa dabarsaa/eeruu/ yoo ta’u, akka malleen odeeffannoon ittiin funaannamutti afgaaffii, daawwannaafi mariin gareen xiyeeffannoon hojiirra oolera. Afgaaffiifi mariin garee kun beektotaafi maanguddoota aanichaaf kan dhihaatedha. Odeeffannoon malleen kanaan funaannamanis qoqqoodamuun tooftaa ibsaatti gargaaramuun kan qaacceffamaniidha. Mirriysi seera mataa ofii akka qabu beekkameera. Seerri kunis abbootii ceyaan kan eegalamu, gosti akka walitti hinmirriysine, ijooleefi maanguddoon akka waliitti hin mirrigneefi akkaataa itti jalqabaniifi xummuramu qabaachuu isaati. Mirriysa keessatti namoonni qooda fudhatan jedhaman kanneen akka maanguddoo ceyaa,namoota urmiin bilchaataa, dubartoota, dargaggootaafi ijoolleen bifa hurrubummaan keessatti akka qooda fudhachuu danda’an bira gahameera. Kana malees meeshaaleen aadaa mirriysa keessatti qooda qaban kanneen akka mancaa, filaa ykn handaaraa, billawa, uffata, alangaa, fa’atti fayyadamuun mala alkallattii ta’een akka barsiisuun danda’amutti hammatameera. Qabiyyeen ijoon mirriysaa kanneen akka gorsuu, hojii ilaallatu, dubartii faarsu, hawwii, abdii, gootummaa, luynummaa, abbaa faarsu, seera abdii kutachuu, lammii faarratti xiyeeffachuun kan gorsuudha. Kana malees argannoo tokko tokko irra gahuun dhaloonni duubaa gorsa karaa alkallattii kana irraa ni baru. Argannoo armaan olii kanarratti hundaa’uudhaan mirriysi Oromoo kun hawaasa biroo kan jiruufi jireenya hawaasichaa akka daawwitiitti calaqqisiisu, eenyummaa saba Oromoo kan ifatti baasee beeksisiisu,kan dhalootaaf gorsa kennu,kudhaama hawaasa Oromooti jechuudha. Kana malees safuu, kabaja, duudhaa ,jaalala, ilaalchafi kkf dhalootaa dhalootatti daddabarsuu ta’uun kan shoora guddaa taphachiisu ta’uu nama hubachiisa. Kanaaf mirriysi barumsa qalamaa tokko malee hawaasa hin baranne kana karaa iccitii golgatee hawaasaa barsiisuun kun cimee hundee isaa gadi fageeffachuu qaba

Description

Keywords

Qabiyyee Mirriysaa

Citation