Xiinxala Hojiirra Oolmaa Hiika Jechoota Afaan Oromoo Kutaa 10 Barsiisuu Keessatti: Manneen Barnootaa Sadi Godina Shawaa Kaabaatti Xiyyeeffachuun

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon waraqaa qorannoo kanaa haala hojiirra oolmaa hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisuu manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa Alaltuu, Abbichuufi Shanoo kutaa 10ffaa keessa jiru xiinxaluudha. Qorannoon kun mala makaa (akkamtaafi hammamtaa)tiin gaggeeffame. Kaayyoo qorannichaa kana galmaan gahuuf meeshaalee odeeffannoon ittiin funaanan kanneen akka bargaaffii, af-gaaffii, daawwannaa dareefi sakatta’a kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hojiirra oolanii jiru. Kana malees, bargaaffii yaanni isaanii walfakkaatan barattoota 112fi barsiisota 10f raabsuun hunda isaanii harkaa funaanee deebii isaan kennan lakkoofsa deebistootaa gabateerratti dhibbeentaatti erga jijjiiree booda, yaanni waliigala deebii isaanii maal akka fakkaatu qabxii madaallii giddugaleessaa irraa hiika itti kenne. Akkasumas, qoratichi af-gaaffiidha ammoo, odeeffannoo daawwata dareefi bargaaffiin argame qulqulleeffachuuf barattoota 6 gaafatee mirkaneeffate. Dabalees, qoratichi kitaaba barataa sakatta’uun haalli dhiyeessiin hiika jechootaa baruufi barsiisuu hiika jechootaa daran hojiirra oolchuuf nimiijata moo miti yaada jedhu adda baafatee gabateerratti kaa’eera. Walumaagalaatti, odeeffannoon qorannoo kanaa malleen hammamtaafi akkamtaan (mala makaan) ibsame. Argannoon qorannoo kanaas, yaadrimee hiika jechootaa walqabsiisuuniifi firoommii hiika jechootaa barsiisuun beekumsa barattoonni duraan qaban faana walitti fiduu dhiisuu, hariiroo hiika jechootaa karaa ifaan barsiisuu dhabuu, barattoonni ofdanda’anii ofiin hiika jechootaa akka baratan gochuu dhiisuu, meeshaalee gargaarsa barnootaa fayyadamuu dhabuudha. Madda rakkoo armaan olitti ibsame kanaafis, yaadni furmaataa kennameera. Kunis: yaadrimee hiika jechootaa walqabsiisuuniifi firoommii hiika jechootaa fayyadamuun beekumsa barattoonni duraan qaban faana walqabsiisuun barsiisuu, hariiroo hiika jechootaa karaa barattootaaf ifa ta’uu danda’uun barsiisuufi meeshaalee gargaarsa barnootaatti fayyadamuun hiika jechootaa barsiisuu kan jedhamaniidha

Description

Keywords

Hojiirra Oolmaa Hiika Jechoota Afaan Oromoo

Citation