Sakatta’a Akaakuuwwan Fookloorii Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 5-8ffaa

dc.contributor.advisorTaliilaa, Xilahuun (PhD)
dc.contributor.authorMaammoo, Abbabaa
dc.date.accessioned2019-04-12T12:02:47Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:20Z
dc.date.available2019-04-12T12:02:47Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:20Z
dc.date.issued2018-09
dc.description.abstractQorannoon kun sakatta‟a akaakuuwwan fookloorii kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8ffaa irratti kan fuulleffatedha.Ka‟umsi qorannoos fooklooriin Oromoo akkuma qabiyyee afaanii, ogummaa afaaniifi fookloorii haala ittiin kitaabilee barnoota afaanii keessatti dhiyaatu kan mataa isaa danda‟e barbaada. Haaluma kanaan, haala dhiyaannaa fookloorii kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8ffaa keessa jiru ilaalchisee hanqinalee mul‟atan adda baasuufi akaakuuwwan fookloorii kitaabilee keessa jiran adda baasuudha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa fookloorii Oromoo kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8ffaa keessa jiru sakatta‟uun qaaccessuudha. Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa keessaa inni tokko sadarkaa kutaa 5-8ffaa gooroowwan fookloorii kitaaba barnootaa keessatti haala kamiin dhiyaachuu akka danda‟an adda baasuudha. Bu‟aaleen qorannichaan argaman akka mul‟isanitti, fooklooriin kitaaba afaanii keessatti gosa gosa isaaniitiin dhiyeessuurratti hanqina qabaachuutu mul‟ata.Gilgaalonni kitaaba barnootaa keessatti argaman malaafi shaakala akkaataa qajeelchi barsiisaa jedhuun kan hindhiyaanne ta‟uu agarsiisa.Rakkoolee kanaaf furmaanni fooklooriifi qabiyyeewwan fookloorii gosa gosa isaaniitiin osoo dhiyaatanii.Gilgaalonni gama fooklooriitiin dhiyaatan barattoonni hawaasaan akka quunnaman, walirraa akka barataniifi gochaan akka agarsiisan caalmaatti akka gargaaraman osoo taasifamee. Akaakuu fookloorii barachuu keessatti barattoonni fookloorii maaliif akka fayyadaman, yoomiifi eessattis akka fayyadaman akka adda baafatan osoo taasifamee kanneen jedhan yaboo jalatti eeramaniiru.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17913
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleSakatta’a Akaakuuwwan Fookloorii Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 5-8ffaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Abbabaa Maammoo.pdf
Size:
614.46 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: