Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Fi Waldhabbii Asoosamaa Booree Ganamaa
No Thumbnail Available
Date
2021-09
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun kan inni irratti gaggeeffame waldiddaafi itti fayyadama afaanii kitaaba asoosamaa Booree Ganamaa irratti. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas waldiddaafi itti fayyadama afaanii asoosama Booree Ganamaa keessatti argaman qaaccessuudha. Kaayyoon gooree qorannichaas Gosoota waldiddaa asoosamichaa keessa jiran, haala dhiyaannaan waldiddichaafi waldiddaan adeemsifame eenyuufi eenyu gidduutti adeemsifame kan jedhuun qaacceffameera. Gosti qorannichaa immoo gosa qorannoo akkamtaa yoo ta'u; mala funaansa ragaalee jiran keessaa sakatta'a dookimantiitti dhimma bahuun madda ragaa tokkoffaa qorannichaa kan ta'e kitaaba asoosamaichaa irraa funaannachuudhaan mala qaaccessaafi hiika ragaaleetti dhimma bahuun odeeffannoo qorannichaaf sakatta'aman bal'innaafi gadfageenyaan ibsamuun cuunfaa, argannoofi yaboon qorannichaa kaa'ameera. Akkasumas gama itti fayyadama afaaniitiin argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa barreessaan afaan inni fayyadame: malleen dubbii, gosa gosaan akkaataa qabiyyee ergaa isaan dabarsanirratti hundaa’uun kaa’eera. Itti aansuunis, fayyadamni jechootaa, jechoota filatamoo, jechamoonniifi mammaaksonni jechoota barsiisuuf mijatoo waan ta’aniif qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa ni taasisu. Akka ciminaatti kan kaawamu, jechoonni bakka barbaachisaatti galuun fayyadama afaanii sirriiti kan hawasasni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti fayyadamu ta’uu isaati. Akkasumas haala yeroo isaa wajjin walqabachuun jechoota filatamoo barreessaan asoosama kanaa itti gargaarame ciccimoofi sirriitti nama ibsuu danda’anitti gargaarameera. Akka dadhabinaatti kan ilaalaman ammoo, barreessichi darbee darbee sirna tuqaaleefi dogoggora qubee akkasumas, darbee darbee jechoota safuu hin eeggannetti gargaaramuu isaa mul’ateera. Akka furmaataatti kan kaa’ame, seenaa, aadaafi duudhaa, amantiin fayyadama jechootaa barreessaan waan dhihaataniif osoo gumii dagaagina ogbarruufi Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti barattoota hirmaachisan barumsa dabarsuu danda’a. Barreessaan asoosama isaa keessatti qubeessuufi sirna tuqaalee fayyadamuu irratti xiyyeeffannaa osoo kenne gaariidha. Akkasumas, jechoota filatu keessatti jechoota safuu hawaasaa eeganiifi fudhatama qabanitti utuu gargaarame aadaa fayyadama afaanichaa babal’isuu danda’a.