Sakatta’a Dhiyaannaa Unkaafi Caasaahennaa Barnoota Afaan Oromoo Kitaabilee Barataa Kutaa 11ffaafi 12ffaa Bara 2005 Qophaa’an Keessatti

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu’eel (PhD)
dc.contributor.authorHinkoosaa, Margaa
dc.date.accessioned2019-04-17T07:22:02Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:27Z
dc.date.available2019-04-17T07:22:02Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:27Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa haala dhiyaannaa unkaafi caasaahennaa kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa fi 12ffaabara2005 qophaa’an keessa jiru sakatta’uun dhiyeessuudha. Galma ga’iinsa kaayyichaaf, kitaabileen barataa kunneen mala iddattoo kaayyootti gargaaramuun sakatta’amanii jiru.Odeeffannoo sakatta’a kaayyootiin argame kana yaaxinaafi yaada hayyoota caaslugaafi barruu walfakkii jiran waliin walbira qabuun bal’inaan ilaaluuf yaalameera.Ragaan argame ammoo, mala qorannoo akkamtaan qaaccessuun ibsamee jira. Ragaa kanarraas wanti hubatame haalli dhiyaannaa unkaafi caasaa hennaa barnoota Afaan Oromoo kitaabilee kutaa 11ffaafi 12ffaa walsimannnaa meeshaalee sirna barnootaarratti, unkaafi caasaan waltumsee dhiyaachuurratti, bakka tokko tokkotti iftoomina qabaachuurratti, maleenya indaaktivii ykn didaaktiiviin adda bahee karaa ifa ta’een ibsamuun dhihaachuurratti gilgaalota gosoota addaa addaan tumsamee dhihaachuu akkasumas, walitti fufiinsaafi dagaagina qabaachuu dhabuutu akka hanqinaatti mul’ata. Kanarraa kan ka’e, haalli dhiyaannaa unkaafi caasaa hennaa kitaabilee kanneen keessatti argamu, hubannaa barattootaa cimsuufis ta’e, barsiisota haala gaariifi dammaqinaan karaa hirmaachisuu danada’uun kan dhiyaate waan hintaaneef hanga kitaabni kun fooyya’utti barsiisonni kitaabilee wabii adda addaatti gargaaramuunmeeshaalee sirna barnootaa walsimsiisuun qabiyyicha dhiyeessuun, caasaa hennaa unkaan deeggaruun akkasumas, tooftaalee gilgaalotamadaallii gosa adda addaa dhiyeessutti fayyadamuun barsiisuufi malaindaaktiivii ykn didaaktiiviin karaa ifa ta’een gosa hennaa hunda barsiisuunykn dhiyeessuun, haalli dhiyeenya gosoota hennaas boqonnaarraa boqonnaatti kana malees, kutaarraa kutaatti yoo cehu walitti fufinsaafi dagaagina akka qabaatuuf dabalataanis, haala dhiyeenya akaakuuwwan hennaa ibsuudhaaf iddoo tokko tokkotti hanqina iftoominaa jiru yaadolee hayyoota caasluga Afaan Oromoon tumsuun iftoomina akka qabaatu gochuuf qabxiilee kanneen xiyyeeffannaa keessa gaalchuun tooftaalee barsiisuu adda addaa uumanii barsiisuu akka qaban bu’aa qorannoo kanaarraa ka’anii eeruun nidanda’ama.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17975
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleSakatta’a Dhiyaannaa Unkaafi Caasaahennaa Barnoota Afaan Oromoo Kitaabilee Barataa Kutaa 11ffaafi 12ffaa Bara 2005 Qophaa’an Keessattien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Margaa Hinkoosaa.pdf
Size:
565.58 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: