Qaaccessa Akaakuufi Dhihaannaa Malleen Dubbii Kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Hanga 12ffaa

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu’eel (PhD)
dc.contributor.authorNagaasaa, Buusaa
dc.date.accessioned2020-11-20T08:40:25Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:06Z
dc.date.available2020-11-20T08:40:25Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:06Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kun mataduree “Qaaccessa Akaakuufi Dhihaannaa Malleen Dubbii kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa hanga 12 ffaa kan bara 2005 qophaa’e” irratti geggeeffameedha. Ka’umsi qorannichaas, akaakuufj dhihaannaan malleen dubbii adda ba’ee ibsamuu dhabuu, garaagarummaan KBfi QB keessatti mul’achuu malleen dubbii, KB keessatti akkamitti dhiyaachuu akka qaban ibsuudha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, akaakuufi dhihaannaa malleen dubbii Afaan Oromoo kitaabilee barataa kutaa 9ffaa -12ffaa jiran qaaccessuudha. Yaaxxinni qorannichaas, yaaxina faayidaa kan bu’uureffateedha.Qorannichis, gosa qorannoo akkamtaan kan dhiyaate ta’ee, saxaxa ibsaan ibsameera. Mala iddatteessuu miticarraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo fayyadameera. Qaaccessa geggeeffameefi cuunfaa qorannichaa irratti hundaa’uun argannoowwan gurguddoon qorannichaa: Akaakuun malleen dubbii,kitaabilee barnootaakeessatti gara xumuraatti argamuu, Malleen dubbii KBfiQB keessatti dhiyaachuu qabu.Qabiyyeen siilabasii barnootaa irratti hin haammatamnes KBfiQB keessatti dhihaachuun nimul’ata. Kaayyoo gooreefi qabiyyeen barnootaa siilabasii keessatti dhihaate kan walhinsimne nimul’ata. Qabiyyeen malleen dubbii KB keessaa boqonnaa muraasa keessatti argamuu,Malleen dubbii KBfiQB keessatti dhiyaachuu qabu. Dhummarrattis akaakuufi dhihaannaan malleen dubbii kitaabilee barnootaa keessatti qabiyyee barannoo ta’anii dhihaatan kan kutaadhaa gara kutaatti dhihaatan irra deddeebiin mul’atu kun hafee kanneen qabiyyee barannoo keessatti hinhaammatamin hafanis yoo xiyyeeffannoon itti kenname gaariidha.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23415
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Akaakuufi Dhihaannaa Malleen Dubbii Kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Hanga 12ffaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Buusa Nagaasaa.pdf
Size:
471.68 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: