Qaaccessa Qabiyyee Fayyadama Afaanii Mana Murtii: Haala Aanaa Gindabarat
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoo kana gaggeessuuf wanti na kakaase abbootii dhimmaa mana murtii kanattii gargaaramanii yommuu bahan haalldubbii achi jiru isaan rakkise yeroo komatan dhagahuufi namoonni waa‘ee fayyadama afaanii achi jiruu hinbeekne mana murtii yeroo komatan waan argeefdha. Kanaafuu qoratichi haalliitti qaaccessa qabiyyee fayyadama afaanii Mana Murtii Aanaa Gindabarat rakkoo qabaachuufi dhiisuu isaa addaan baasee qorannoo gaggeessuuf kaka‘umsa argatee jira.Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa itti fayyadama Afaan Oromoo mana murtii Aanaa Gindabarat xiinxaluun ibsuudha. Akkasumas qorataan kaayyoo isaa galmaan ga‘uuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Maddi odeeffannoo madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa kan ta‘e dhaddacha mana murtichaa daawwachuurratti kan bu‘uureffatedha.Kanaaf qorataan qabxiilee mirkaneeffannaa toorba (7) qophaa‘een dhaddacha hariiroo hawaasaafi yakkaa guyyoota jaha (6) itti fayyadama afaanii maal akka fakkaatu qabxii madaallii irratti hundaa‘uun gaggeeffameera. waan abbootiin dhimmaafi qaamoleen haqaa dubbatan yaaddanootti qabamanii qaacceffamaniiru.. Kanamalees mala iddatteessuu miti carraa fayyaadamuun qaamoleehaqa mirkaneessan abbootii seeraafi abbotii alangaa mana murtichaa keessa jiran akkayyoon filatamanii jiru.Akkasumas abbootii dhimmaa guyyoota daawwannaa dhaddachaa mana murtii dhufan himataa, himatamaafi ragoolee akkajireen filatamaniiru. Haaluma kanaan ragaan daawwannaa akka agarsiisutti dhimmoota yakkaafi hariiroo hawaasaa adda addaatu raawwatameera. Yakkaan wal qabatanii gochoonni yookiin dhimmoonni horii hannaa walirra bituu himannaaf dhiyaatan kan akka reebicha sasalphaa yoota‘an dhimmoonni hariiroo hawaasaan wal qabatan immoo wal dhabdee haadha waarraafi abbaa manaa, dhaaltummaafaatu bal‘inaan mul‘atu. Qabiyyeewwan itti fayyadama afaanii mana murtii sirna kabaja kennuu keessatti,sirna kakuu keessatti,sirna ragaa bahuu keessattii, sirna haaluu keessatti, sirna amanuu keessatti,sirnafalmuufi murteessuu keessatti akka ulaagaattii hojiirra oolaniiru Akkuma daawwannaarraa ragaan mul‘isetti abbootiin dhimmaafi ragaa baatota biratti fayyadama afaanii jechoota kallattii agarsiisaniifi maqaa ji‘ootaafi guyyoota torbanii Afaan Oromootiin adda baasuu waan rakkataniif abbaa murtiitiin Afaan Amaaraatti yommuu hiikkameef hubatu. Gama biraatiin, aangoo abbaan murtiiqabuufi ol‘aantummaa seeraa irraa kan ka‘e itti fayyadamni afaanii abbootiin dhimmaafi abbootii seeraa gidduu jiru hariiroo irraa jalummaafi sodaa kan uume ta‘uu isaa qorannichi agarsiiseera. .Kanarraa ka‘uun yaboon abbaan dhimmaa otoo mana murtii hindhaqiin dubbii mana murtiirratti hubannooo qabaatee yookiin argatee, agarsiiftonni kallattiifi maqaan ji‘ootaa mana murtii keessatti barra‘anii otoo abbaa dhimmaa hubachiisuun yaalamee akkasumas hubannoo sodaa mana murtiitti abbootii seeraa biratti qaban dhiibbaa inni qabu hubachiisuun barbaachisaa akka ta‘e lafa kaa‘era.