Waraqaa qorannoo ulaagaa digirii lammaaffaa (MA) guuttachuuf muummee afaan, ogbarruufi fookloorii oromoof dhiyaate.
No Thumbnail Available
Date
2025-04-30
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha. Jeekkarsi amantii Waaqeffannaafi Qaalluu biratti kan beekamuudha. Haa ta’u malee kaayyoon amanticha lamaanii gargari. Iddoo lamaanittuu jeekkarsi waan jeekkaramuuf garaagarummaafi walfakkeenya isaan qaban adda baasuuf qorataa kan kakaasedha. Qorannoon kun malleen qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun madda odeeffannoo tokkoffaarraa hawaasa Waaqeffattootaafi hordoftoota Qaalluu mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatiin meeshaalee funaansa ragaalee akka: daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareetiin ragaan funaanamee jechaan qindaa’ee qaacceffameera.
Argannoon qorannichaa adeemsi jeekkarsa Amantii Waaqeffannaafi qaalluu jeekkaraadhaan qajeeluufi jalaa qabdootaan qajeelu qaba. Waaqeffannaa keessatti jeekkaraatuu yeroo xumuraa beeka. Yeroo tokko tokkommoo jalaa qabdootaatu jeekkarsa sanatti goolaba gochuu danda’a. Warra Qaalluu biratti garuu jeekkaraa qofatuu jeekkarsa sanatti xumura gochuu danda’a. Jeekkarsi faayidaalee akka: kadhataaf, barnootaaf, galataafi miira amantii uumuu qaba. Jeekkarsi Yoomessa dhaabbataa akka ganama galgala, guyyaafi halkan jeekkaramu yoo ta’u bakka akka iddoo Irreechaa (Malkaafi Tulluu) mana wadaajaa yoo ta’u kan warra Qaalluu ammoo, Galma Qaalluu keessattidha. Qabiyyeewwan Jeekkarsa Waaqeffannaa: olaantummaa waaqaa ibsuu, beekumsa, guddumaa, arjummaafi imaanaa waaqatti kennachuuf jeekkarama.Qaalluu birattis qabiyyeewwan kanaan ala bifa gabbarsuun jajuu waaqaa ofkeessaa qaba.jeekkarsi kun yeroo ammaa Waaqeffannaa biratti fooyyee qabaatus Qaalluu biratti dagatamaa jira. Yaboon qorannichaas hawaasni duudhaa Jeekkarsaa kana haalan kunuunfatee akka dhalootatti dabarsuuf dammaqina horachuu qaba.
Description
Keywords
Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha