Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti
No Thumbnail Available
Date
2025-04-30
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa agarsiistuuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa
Finfinnee bara 1886 moggaasni maqaa “Addis Ababaa” jedhu kennamuurraa kaasee
seeneffamu afeewwan keessaa xiinxaluudha. Giddugalli Oromiyaa har‟a Finfinnee jedhamu
jalqaba weerarri irratti geggeeffamuun buufata moototaa waan taateef Afaan, Aadaafi
Eenyummaan Oromoo akka hindagaagne bakka itti taasifamaa tureedha. Dhiibbaa kanaan
maqaa haaraadhaan magaalaan „Addis Ababaa‟ akka hundooftu ta‟e. Maqaa jijjiiruun
eenyummaa haaraa barbaaduudha (Penick, 2019). Finfinneen giddugala siyaas-diinagdee
ta‟uun mootonni aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii isaanii irratti babal‟ifachaa turan. Ammas
giddugala siyaas-diinagdeeti. Kana keessa Oromoon Tuulamaa Finfinnee, eenyummaa isaa
akkamitti akka ijaarratuufi ibsatu afeewwan keessa xiinxaluun qoratame.Saxaxni qorannoon
ittiin geggeeffame, qorannoo akkamtaa dhimma hawaasaa akka miira isaanitti xiinxaluu
waan ta‟eef ibsa,hiikaafi balballoomsaan xiyyeeffatame. Maddi ragaa qorannoo kanaa
madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Malleen iddatteessuu kaayyeeffataafi eeruutti
dhimma bahame. Ragaan afgaaffiifi xiinxala barruuwwaniin walitti qabame liixxaadhaan
xiinxalame. Irra caalatti dalagaa hawaasaaf xiyyeeffannaan laatamee jira. Xiinxala
geggeeffameen akkaataa Oromoon Finfinnee eenyummaa isaanii itti ibsaniifi ijaaran
hubatamee jira. Maqaaleen agarsiistuuwwan eenyummaa keessaa tokko ta‟uun eenyummaa
bakkaafi hawaasa maqicha baasee agarsiisanii jiru. Maqaaleen Oromoon Tuulamaa
Finfinnee bakkeewwaniif baasan maqaa araddaalee, maqaa bakkeewwan sirnaafi maqaa
gosaa waan ta‟aniif agarsiistuu eenyummaa hawaasichaati. Maqaa bakkeewwanii kanneen
jijjiiruun eenyummaan ture jijjiirame. Akkasumas,afaan agarsiistuu eenyummaa hawaasaa
ta‟e afaan biraatin caalamuun dalagaa hawaasaa irraa daanga‟ee eenyummaan isaa
sarbamee mul‟ata. Sirnoonniifi bakkeewwan sirnaa eenyummaa garee dalaga hawaasaatiin
itti hidhatu agarsiisan tajaajilli oolaniif, akkasumas, gareen dhimma itti bahu jijjiiramuun
hubatamee jira. Tarsiimoo waallaawaan ofibsuun, dhiibbaan godaanuufi jijjiirama
eenyummaa mormachuun afeewwan ogafaaniin ibsa eenyummaa taasisan qabu. Dhimmoota
hawaasaa kanneen jijjiiruun eenyummaan bakkaafi garee hawaasaa jijjiirame. Yeroodhaa
yerootti deebisee ijaaruuf mormii adda addaaf saaxilame. Ilaanyaan garee hawasaa adda
addaa afaaniifi sirnoota Oromoo Tuulamaa Finfinnee iraatti mul‟atan. Yeroo ammaa kana
bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkuma ijaarsaafi babal‟ina magaalaa taasisu eenyummaa
Oromoo Tuulamaa sirnoota darban keessa sarbame deebisee ijaaruun hariiroo
gareewwanii dhugaarratti hundaa‟e uumuuf hambaa aadaafi seenaa hawaasichaa
kununsuufi misoomsuun barbaachisaadha. Mootummaan Federaalaa Imaammata afaanii
sirrii hojiirra oolchuun xiyyeeffannaa Afaan Oromoof malu laachufiin irraa eegama.
Akkasumas, mootummaan naannoo Oromiyaa karaa BATO, GAO, IQQO, BBO
agarsiiftuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa giddugala Oromiyaa kanaa jijjiirame
deebisee damdamachiisuufi misoomsuun murteessaadha. Gama biraatiin, miidiyaaleen
eenyummaa hawaasaa kana irratti hubannoo uumuuf qooda qabaachuun irraa eegama
Description
Keywords
Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti.