Qaaccessa Barjaa Magaalaa Gaango’aa Hiika Jijjiirraa Jechoota Afaan Oromoo Irratti Xiyyeeffachuun

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanueel (PhD)
dc.contributor.authorNuguse, Booranaa
dc.date.accessioned2018-07-19T07:22:20Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:51Z
dc.date.available2018-07-19T07:22:20Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:51Z
dc.date.issued2016-07
dc.description.abstractKaayyoon qorannoon kana caasaafi hiika jijjiirraa jechoota Afaan Oromoo barjaa/Taappellaa magaalaa Gaango’aa qaaccessuudha. Qorannichis caasafi hiika jijjiirraa jechoota Afaan Oromoo barjaaa magaalaa Gaango’aarratti xiyyeefata. Dabalataan dhiibbaa isaan qaqqabsiisaniifi karaalee furmaata argatanirratti xiyyeeffateera. Kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uufis meeshaaleen funaansa ragaalee lama; daawwannaafi af-gaaffitti dhimma bahee jira. Haaluma kanaan barjaaleen daandirra jiran suuraa kaasuun kan fudhataman yoo ta’u, qaamota dhimmi ilaalaturraa ammoo af-gaaffii caaseffamaa qopheessuun ragaan walitti qabameera. Ragaaleen walitti qabamanis mala akkamtaafi ammamtaan, akkaataa walitti dhiyeenyasaanitiin walkeessa nyaachifamuun qaacceffaamuun hiikni itti laatameera. Argannoon qorannichaa akka mul’isutti akkaataan fayyadama caasaa; qubeessuu, fayyadama dhamjechaa, hanqina caasaa gaalee maqaa, fayyadama mul’istuu abbummee, duraaduuba jechootaa, hanqinoonni jijjiirraa jiraachuu isaanii bira gahameera. Isaan kun ammoo jechoonni ergaa barbaadame osoo hintaane hiika biroo akka dabarsan, yookiin hiikaa akka dhaban, jechoonni afaanichaa akka hinwaaltofne, jechoonni afaanichaa dhaabaakka dhaban, caasaa Afaan Amaaraa yookiin Ingilizii afaanichaaf oolchuun dhiibbaa inni geesisuudha. Beekumsa xiinqooqa Afaan Oromoo dhabuu, dhiibbaa caasaa Afaan Amaaraa yookiin Ingilizii, xiyyeeffannoo kennuufi dhabuu waajjira aadaafi turizimii kaateesaa ta’uun bira gahameera.Dhumarrattis qoratichi namoota hojii beeksisaa magaalicha keessatti hojjechuu barbaadaniif raga beekumsa Afaan Oromoofi aadaa Oromoo qabaachuusaanii mul’isu adda baasuun heeyyama daldalaa kennuu, ogummaasaanii leenjiin gabbisuu, hordofuufi too’achuu, kan kana bira tare tarkaanfii seeraa irratti fudhachuu, waajjirri aadaafi turizimii dhimmicha karoora hojii keessa galfachuun irratti hojjechuun furmaata rakkoo kanaa ni ta’a jedha.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9378
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectBarjaa Magaalaa Gaango’aaen_US
dc.titleQaaccessa Barjaa Magaalaa Gaango’aa Hiika Jijjiirraa Jechoota Afaan Oromoo Irratti Xiyyeeffachuunen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Booranaa Nugusee Fayyeetiin.pdf
Size:
1.96 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: