Xiinxala Dhiyaannaa Hennaa: Xiyyeeffannoo Kitaabota Barattootaa Afaan Oromoo Kutaalee 9ffaa Fi 10ffaa Bara 2005 Qophaa‟An

No Thumbnail Available

Date

2022-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa hennaa kitaabota barattootaa, Afaan Oromoo bara 2005 kutaalee 9fi10 qophaa’an irratti adeemsifame. Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas, ulaagaa qophii meeshaalee barnootaa keessaatti seerlugni dhiyaachuu qabuun kan xiinxalamedha. Malli qorannoo kanaa mala qorannoo akkamtaati. Maddi ragaa qorannichaa immoo, madda ragaa tokkoffaafi lammaffaati. Iddattoon qorannichaa mitcarraa keessaa hammargeetti dhimma ba’ame. Iddattoo filatame irraa ragaa walitti qabuuf ammoo meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a kitaabaafi afgaaffiitti dhimma bahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaan qaacceffamee ibsame. Ragaa kana irraas wanti hubatame dhihaannaan qabiyyee hennaa kitaabota barattootaa Afaan Oromoo kutaalee 9 fi 10 karaa guutuu ta’een kan hindhiyaanne ta’uu isaati. Dhiyaannaa hennaa qabiyyee dagaagsuu kutaadhaa kutaatti, ajajni gilgaalotaa tokko tokko ergaa ifaa dabarsuu dhabuun adda ba’eera. Akkasumas, tooftaan gilgaala shaakalsiisuu muraasa ta’uu, ajajoonni gilgaalaa barattoonni akka waliin hojjetaniif xiyyeeffannoon kenname xiqqaachuu, qabiyyeen shaakalaaf kenname salphaa irra gara walxaxaatti kan hindeemne ta’un isa biraati. Yaadannoon hennaa ibsuuf kenname bakka tokko tokkoitti ifa kan hintaaneefi bakka hundatti kan walhifakkaanne ta’uun adda ba’ee kaa’ameera. Kana malees, yaadannoofi fakkeenya hennaalee kenname keessa rakkoon jiraachuun adda baafame. Malli hennaan ittiin dhiyaate kutaa kurnaffaa keessatti hanqina qabaachuunis hubatameera. Kanarraa kan ka’e, dhihaannaan qabiyyee hennaa meeshaalee barnootaa kanneen keessatti dhiyaate ykn kitaabilee kanneen keessaa kan barattootaa haala gaariin hirmaachisuun hennaalee dammaqinaan akka baratan taasisu miti. Kanaaf, immoo falli kaa’amee jira. Kunis, dhihaannaan qabiyyee hennaalee kitaabota baratttootaa Afaan Oromoo kutaalee 9fi10 boqonnaalee keessatti akkasuma, kutaadhaa kutaatti qabiyyeewwan gilgaala shaakalsiisuu, ibsa gooroofi gooreewwan hennaa, fakkeenya hennaalee, qabiyyee dagaagsuufi itti fufsiisuu qophii kitaaba birootiin xiyyeeffannoo keessa galuu akka qabu karaan agarsiifameera.

Description

Keywords

Citation