Xiinxala Dandeettii Barreessuu Barattota Kutaa Torbaffaa: Haala Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Marsaa Lammaffaa Magaala Gaasaraa Irratti Xiyyeeffate.
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoo qorannichaa, hanqina barattoonni manneen barnoota Magaalaa Gaasaraa kutaa Torbaffaa Afaan Oromootiin barreessuu irratti qaban xiinxaluun adda baasuudha.Qorannichaaf wanti ka’uumsa ta’e xiinxala barattoonni mana barumsa Waxee Ciimoofi Gaasaraa sadarkaa 1ffaa Marsaa 2ffaa kutaa torbaaffaan qaban adda baasuun hanqinaalee mul’ataniif furmaata kaa’uf yemmuu ta’u; manneen barnoota kunneen mala iddattoo akkayyoon filataman. Qorannoon kunis, mala makaatti gargaarame.Qorannicha milkeessuuf irraawwatoota qorannoof barbaachisan filamuun hojiira ooleejira. Haaluma kanaan, mala carraa tasaa salphaan (simple rondom sampling)n barattoota ( %35) ,dhiira 42fi durba 37 ida’ama 79fi barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 7ffaa lama qofa waan ta’aniif lamaan isaanii mala iddattoo akkayyoo fudhachuun ragaa akka kennaan taasifamee jira. Akkasumas, meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kanaaf fayyadaman kanneen akka qormaataa, bargaaffii, afgaaffiifi xiinxala dookumatiin ragaaleen funaanaman walitti qabamanii qaacceffaman jiru. Argannoowwan qorannoo kana irraa argaman akka mul’isanitti, barattoonni sirna barreeffama afaan Oromoo eeganii qubeessuu, sirna tuqaalee bakka barbaachisutti fayyadamuu, qub-guddeessaa bakka barbaachisutti galchuu, keeyyata sirrii barrssuu, seerluga sirrii ta’eetti fayyadamuufi walta’umsa yaada eeguun bareessuurratti hanqina ykn rakkoo qabaachuun isaanii hubatamee jira. Kanamalees, ilaalchi barsiisonni dandeettii barreessuu barattootaa irratti qabaniifi dandeettii kana akka barattoonni cimsatanii godhuu irratt xiyyeeffannoon isaani laatannif xiqqaa ta’uusaa hubatmeera. Dabalataanis, hubannoon, fedhiifi kaka’uumsi barattoonni dandeettii barreessuu shaakalaan cimsachuuf qaban baay’ee xiqqaa ta’uufi barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala barattoonni barreessuurratti taasisanirratti duubdeebii ykn yaada sirrii ta’eefi dogoggoran barreessan addaan baasuun kennuun madda dogoggoran barreessuu barattoota hambiisuudhaaf gahee isaanii bahu irratti rakkoo akka qaban hubatameera.walumaagalatti, argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun barsiisonni Afaan Oromoo barsiian shaakala barreessuu barattoonni taasisan irratt duubdeebii sirriifi ijaaraa ta’e kennuun maddota dandeettii barreessuu irratti dhiibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirraa oolchanii gaariidha. Dabalatanis, qaamoleen mootummaas hanqina barreessuu barattootaa biratti mul’atan kana hambisuuf ogeessota afaan waliin ta’uun leenjii hojiirraa yeroo yeroon akaataa barsiisonni itti barattoota shaakalsiisan irratti osoo kenanii filatamaadha.