Qaaccessa Fayyadama Jechoota Tajaajila Meeshaalee Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa.

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu‟Eel (PhD)
dc.contributor.authorGabruutiin, Dirribee
dc.date.accessioned2020-11-11T07:40:43Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:00Z
dc.date.available2020-11-11T07:40:43Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:00Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractJechootni tajaajilaa garee jechoota ta‟anii kanneen hiika murtaawaa mataa isaaniihin qabnedha. Hiikni Jechoota tajaajilaa kan ibsamu/murtaa‟u hariiroo isaan garee jechoota biroo wajjin qabaniin. Jechootni tajaajilaa barnoota Afaan oromoo keessatti tajaajila isaan kennan irratti hundaa‟uun akaakuu garagaraatu hojiirra oolaa jiru. Mata duree qorannoo kanaaf ka‟umsa kan ta‟e jechootni tajaajilaa kitaaba barataa fi qajeelcha barsiisaa keessatti adda bahanii kaahamuu dhabuufi jechootni tajaajilaa akka jechoota qabiyyee xiyyeeffannoo dhabuu fa‟i. Kaayyoonqorannoo kanaa fayyadama jechoota tajaajila meeshalee barnootaa Afaan oromoo kutaa 9ffaaqaaccessuudha.Kaayyoo Qorannoo kanaa dhugoomsuuf ammoo qoratttuun mala qorannoo Akkamtaatti dhimma baateetti. Qorannicha caalaatti qabatamaa taasisuuf mala iddaattoo kaayyeffataa fi meshalee odeeffannoo ittiin funaanaman af-gaaffii, daawwannaa daree fi sakatta‟a meeshalee barnootaa kutaa 9ffaafilachuun odeeffannoo qorannichaaf barbaachisu walitti qabachuun qindeessiteetti. Bu‟aan qorannoo kanaa kan agarsiisujechootni tajaajilaa akka jechoota qabiyyee of danda‟ee kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa keessattii qindaahee ta‟uu dhabuu mirkanaa‟eera; kitaaba barataa fi qajeelcha barsiisaa keessatti jechootni tajaajilaa haala baruu fi barsiisuu barattootaaf mijatuun fakkeenyaan deggaramee dhihaachuu dhabuu hubatameera; gosootnijechoota tajaajilaa meeshaalee barnootaa kutaa 9ffaa keessatti haala wal-qixaan kan hin kaahamnee fi kan meshaalee kanneen keessatti hin haammatamnes jiraachuu sakatta‟ameera; Kaka‟umsifi hubannoon barsiisonni jechoota tajaajilaa irratti qaban gahaa akka hin taane qorattuun mirkaneeffatteetti. Qorattuun qorannoo kanaa qabxiiwwan argannoo jalatti ibsamaniif furmaata ta‟a jette kan keesse keessaa Jechootni tajaajilaa akka jechoota qabiyyee of danda‟ee kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti akka kaa‟amu; leenjiinfi hubannoo jechoota tajaajilaa irratti barsiisotaaf akka keennuu; qopheessitoonni meeshaalee barnootaa kanneenii, fayyadama jechoota tajaajila meeshalee barnootaa Afaan oromoo kutaa Saglaaarratti xiinxala gadifageenyaa adeemsisuufa‟i.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23159
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Fayyadama Jechoota Tajaajila Meeshaalee Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa.en_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dirribee Gabruutiin.pdf
Size:
825.86 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: