Xiinxala Qabiyyee Kakuu Sirna Gadaa Oromoo: Aanaa Kiiramuu, Fooqaa Darrabbaa Irratti Kan Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2021-09

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun geggeeffame mata-duree Xiinxala Qabiyyee Kakuu Sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa kan jedhu irrattidha. Qorannichi Godina wallagga bahaa Aanaa kiiramuu Ganda Darrabbaa keessatti raawwatame. Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyee kakuu Sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa xiinxaluudha. Gaaffileen bu’uuraa qorannichaa gahee afoolli raawwii kakuu Sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa keessatti adda baasuu, Faayidaa kakuun sirna Gadaa jiruuf jireenya hawaasa sana keessatti qabu ibsuu, meeshaalee aadaa kakuu sirna Gadaa keessatti fayyadan ifa gochuufi qabiyyeewwan kakuu sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa maal akka ta’e ibsa. Mala qorannoo kana keessatti iddattoo gaaffilee bu’uuraa deebisan ittiin filame mala iddateessuu mit-carraa keessaa mala akkayyoo (purposive sampling) fi mala darbaa dabarsaa (snow ball sampling) fayyadamuunidha. Meeshaaleen qorannoo kana keessatti gargaaramees odeeffannoo iddattoorraa funaanamee daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareen yoo ta’u, kitaabilee sakatt’aman raawwii kana deeggaran dhihaatanii jiru. Odeeffannoon iddattoo qorannoo kanarraa argame haala gaafilee bu’uuraa deebisaniin erga qoodamee booda jechaan ibsamuun kan hiikanitti kennameera. Haaluma kanaan, argganoon qorannichaa haala gaaffilee bu’uuraan dhihaateera. Afoola Oromoo keessa mammaaksi kakuu Sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa keessatti namoota namoota wal shakkanii jaarsoliitti dhihaataniif kan ittiin amansiisaniifi isa dide immoo kan ittiin kaksiisanidha. Kunis dhugaa hawaasicha keessa jiru kan muli’ise ta’uu isaa hubadheen jira. Walumaagalatti, qorannoo kanaan adda bahee akka yaada furmaataatti kan ibsamu adeemsa raawwii kakuu Sirna Gadaan sun kan hin barreeffamneefi sammuu maanguddootaan daddarbaa waan as ga’eef waaajjirri aadaa fi Turizimii gama dhimmi isaa ilaalu waliin ta’uudhaan barreessanii kaa’uun dhaloota dhufuuf dabarsuu, heeraafi seera ammayyaa kan mootummaa fi geggeessitoota sirna Gadaa wajjin walitti dhufanii hojjechuun akka irraa eegamuufi tajaajila saffisaafi kan komii hin qabne hawaasichaaf kennaa waan jiruuf kun beekamee kunuunsi addaa addaa utuu kennameefi gaarii ta’a

Description

Keywords

Sirna Gadaa Fooqaa Darrabbaa kan jedhu irrattidha

Citation